“Gaaffiin Keenya Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaati” Jedhu Barattooti Oromoo

Bitootessa 28,20122, Naqamte

Gaaffii Mirgaa barattootni Oromoo yuunivarsiitii Wallaggaa gaafatan dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee barattoota mana hidhaatti ukkaamsaa jiraachuun beekame.Barataa Oromoo Tolosaa Urgii jedhamu fi kanneen kaan muummee Ingiliffaa waggaa sadaffaa keessaa ukkaamsuun mana hidhaa Waayyaanotaa  keessatti dararamaa jira.Mootummaan Wayyaanee hidhaan furmaata kan se’e yoommuu tahu gama hundaan diddaan itti jabaachuun bitaa fi mirga wallaalee maraachaa jiraachuun qeerroon gabaasa.

Haala kanaan University Wallaggaa keessatti barattoota gaaffii mirgaa gaafataa jiran sossobuu fi afaan faajjessuuf jecha qondaalotaa fi bulchitoota Wayyaanee itti erguun maqaa nagaa fi tasgabbii akkasumas hidhaa laga abbayyaan sossobuu barbaadan illee barattooti Oromoo gootummaan dura dhaabbachuun gaaffiin barattootaa gaaffii mirga sabaati,ummati biyya isaa keessatti jiraachuuf mirga hin qabne akkamiin laga yaa’u hidhaa? ififuu akka sabaatti jiraachuu hin dandeenye,yeroo fedhetti ni hidhamna yeroo kaan ammoo ni raabamna,ummanni keenya lafa isaa irraa buqa’aa jira kanaaf kun marti yoo Oromoo irraa dhaabbatee bulchiisi mataa keenyaan of bulchuu hin jiraatiin didaan keenya itti fufa kan jedhu dhiheessanii jiru.

Qondaaloti Wayyaanee kanaan kan rifatanis gaafii barattootaa kana deebisuu dadhabuu irraan humna poolisaa fi waraanaa naannoo moorichaatti dabaluun bakka san irraa deemanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment