Bitootessa 26,2012 Gimbii
Diddaan Barattota Oromoon mootummaa Wayyaanee irratti hammaate dhaamsuuf jecha yeroo ammaa kana waraannii fi humni Poolisa Federaala Wayyaanee Oromiyaa mara bakka gahee bakka hanqatu walaallee jira. Godina Wallaggaa aanaa Gimbii keessatti diddaa barattooti Oromoo guyyaa irraa guyyaatti muldhisaa jiranii fi walitti bu’iins dabballoota Wayyaanee fi barsiisota Oromoo ta’an jidduu waan heddummaataa dhufeef jecha. Bitootessa 25,2012 dabballoonni Wayyaanee fi polisoonni magaalota adda addaa irraa barsiisota Oromoo hidhaatti geessuun Qeerrummaan yakkan.
Maqaa Qeerroo ijaartu,isintu mootummaa irratti kakaasa,akeeka ABO qabdu jechuun barsiisota Bitootessa 25,2012 magaalaa adda addaa irraa fidanii mana hidhaa Gimbiitti naqan keessaa gariin.
- Barsiisaa Abraham Olaanaa magaalaa Dongoro irraa
- Barsiisaa Siisaay Jiraa Magaalaa Innangoo irraa
- Barsiisaa Angoosee Rabbirraa Magaalaa Innaangoo Irraa
- Barsiisaa Maarqoos Biraanuu Magaalaa Haro Sabbuu
- Barsiisaa Geetinnet Caalii Magaalaa Calliyaa irraa
- Barsiisaa Raajuma Qannoo Magaalaa Calliyaa irraa
Yeroo ta’an, barattootii fi qonnaan bulaa Oromoo gariinis akka waliin jiran gabaasi Qeerroo Gimbii irraa nu gahe addessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!