Diddaan Barattootaa fi Barsiisota Oromoo Itti Fufe

Bitootessa 25,2012 Gullisoo,

Diddaan ummata Oromoo hammaachuu irraan kan ka’e Wallagga lixaa Aanaa Gullisoo keessatti walitti bu’iinis barsiisotaa fi bulchitoota ergamtoota Wayyaane jidduutti ta’aa ture daran babaldhachuu irraan Sadaasa 20,2012 irraa kaasee manneen barnootaa aanaa sanii adda addaa keessatti diddaan barattoota Oromoo eegalee jira.

Haaluma kanaan dabballoonni Wayyaanee TPLF fi ergamtooti isaani jaarsa kabajamaa fi maanguddoo beekamaa Obbo Birhaanuu Hambsisaa jedhaman ati ABO dha dargaggoota Oromoo mootummaa Wayyaanee irratti qindeessitee kan bobbaasu sidha jechuun qabeenya isaa guutuutti saamanii akka jiran gabaasi naannoo sanii nu gahe addeessa.

Kana malees gabaasi Aanaa Gullisoo irraa nu gahe,Poolisoonni Wayyaanee gandoota baadiyyaa gara garaa keessa deemuun ummata doorsisanii shamarran Oromoo humnaan gudeedaa fi dhukuboota adda addaaf akka saaxilaman taasisaa akka jiran gabaasi qeerroo addeesa.

Leave a comment