Bitootessa 23,2012 Arbaa Minci
Nu gahe gabrummaan kanneen jedhan barattoonni Oromoo mooraa University Arba Mincii Gaaffii Mirgaa ammos irra deebi’anii kaasan. Bitootessa 22,2012 barattoonni University Arba Minci damee Abbayyaa campus gaaffii mirgaa gaafataniin qondaalota Wayyaanee lubbuutti guraarsaa oolani.
Gootonni barattoonni Oromoo kunniin gaaffii mirgaan bulchitoota sirna Wayyaaneef uggumaniin yoo sardaa oolan illee gaaffiin isin kaastan waan humna keenyaa oliiti waan jedhamaniif Qeerroon moorichaa hamma gaaffiin keenya deebii argatutti barumsa addaan kunneerra jechuun yaada isaanii yoo goolaban yoo deebii dhabe garuu hiriira nagaa bahuuf qophii ta’uu isaanii mootummaa Wayyaaneetti ifatti beeksisanii jiru.
Kana malees gootonni barattoonni Oromoo gaaffii kaasan miidhamni keenya ykn dhiibbaan saba Oromoo irra jiruu fi gaaffiin barattooti kaafnu medialeetti nuu darbuu qaba,gaaffii nuti gaafannuuf ammoo qaamni hojii Wayyaanee mooraa University keessatti deemsisu deebisuu waan hin dandeenyeef warri dhimmi kallattiin isaan ilaalu akka deebii itti kennan barbaadna jechuun sagalee isaanii dhageessisanii jiru.
Haalli kun mooricha keessatti baldhinaan waan deemaa jiruuf gara fuula duraa gabaasa jiru walitti ni qindeessina.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!