Barattooti Oromoo Universiy Finfinnee,Dameee Bishooftuu Nyataa fi Doormii Dhorkaman.Diddaan Qeerroos itti fufe.

Bitootessa 23,2012 Finfinnee

Diddaan barattoota Oromoo itti fufuun Bitooteessa 19,2012 irraa eegalee mooraa University Finfinnee damee Bishooftuu keessatti barattooti Oromoo diddaa itti fufanii jiru. Haala kanaan barnoota dhaabanii gaaffiin mirgaa ummata Oromoo deebii argachuu qaba,hidhaan ajjeechaan,saaminsi lafaa fi hiyyummaan Oromoo yeroo hunda qalbii keenya keessatti nagaa nu dhorkatee barnoota keenya sirnaan hordofuu hin dandeenye kanaaf gaaffiin Qeerroo Oromoo deebii hatatamaa haa’argatu kanneen jechaa jiran barattooti Oromoo deebii gahaan kennamuufii hanqatee mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu kanaan isin maadhee ABOti,shororkeessaa dha jechuun nyaataa fi Doormii dhorkatan.

Barattoota Oromoo kanneen qabsiisuufis guyyaa har’aa miseensotni OPDO marii irra oolan osoo hin milkaa’iin bittinnaa’anii jiru.Mootummaan Wayyaanee hin barattan University kana keessaa isinin arii’a jechuun barattoota doorsisuu irratti yoo argame illee diiddaan itti fufee jira.  Sabboontotni barattoota Oromoo yuunivarsiitii kanaas kutannaan hanga gaaffiin isaanii deebi’u hin barannu jechuun murteessanii itti fufanii jiraachuu qeerroon moorichaa gabaase.

Haala kana irraa kan ka’e yeroo ammaa kana mooraan yuunivarsiitii Finfinnees tika Wayyaanee fi waraana Wayyaaneen tikfamaa akka jiru beekamaa dha.

Waraanni mootummaa Wayyaanee mooraalee yuunivarsiitii hunda eegaa jiraaatus, barattooti Universiyn Badimmee miti,kanaaf waraanni mooraa keessaa haabahu jechuun iyyataa jiraachuunis beekama. kanuma waliin Guyyaa kaleessaas yuunivarsiitii Arbaminc keessatti waraanni mootummaa Wayyaanee diddaa barattoota Oromoon qabateen barattoota garii saamuun garii reebichaan miidhuun hospitaala keessatti wal’aanamuu irratti argamu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Barattooti Oromoo Universiy Finfinnee,Dameee Bishooftuu Nyataa fi Doormii Dhorkaman.Diddaan Qeerroos itti fufe.

Leave a comment