Bitootessa 22,2012 Shaambu
Godina wallaggaa aanolee garaa garaa keessatti yaadannoon goota barataa Jireenyaa Raggaasaa Poolisiin Wayyaaneen ajjeefame Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaala Amuruu keessatti haalaan yaadatamee oole.Qeerroon aanaa Haroo limmuu, Diggaa saasiggaa,Eebantuu,Kiiramuu,dhukkee,Dongoroo,Amuruu fi Jaartee keessatti haalaan yaadatamee oolee jira.Haaluma wal fakkaatuun bakkeewwan garaa garaa keessattis qeerroodhaan yaadatamaa waan jiruuf gabaasaan duubaan nu dhaqabe addeessa.
Manneen barnootaa kanneen yaadannoo gochaa jiran kan akeessatti barattooti jibbiinsa mootummaa Wayyaaneef qaban akka armaa gadii kanatti ibsataa jiru.
Jireenyaa goota qeerroo
Si yaadachuuf baane har’oo
Juneddii dhugaattin waama
Mallastu qabeenya saama
Jireenyaa goota oromoo
Jala deemtuun odeessiti
Gumaan ke dachaan baati jechuun goota Jireenyaa Raggaasaa faarsaa,Wayyaanee balaaleffataa oolanii jiru.Dabballoonni Wayyaanee diddaa qeerroo dhaamsuuf bobba’anis qaaniin deebanii jiru.Yaadannoo isaafin alaabaan Haroo Limmuu keessatti qeerroodhaan fannifamee akka jirus qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.