Barattoota University Wallaggaa Hidhaa fi Akeekachiisa Wayyaaneef Osoo Hin Sarmiin Diddaa Itti Fufan.

Bitootessa 22,2012 Naqamte

Diddaa qeerroo irraa sodaa kan qabu mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuu fi biyyaa ari’uun furmaatii fi hiikkaan siyaasaa biyya Ethiopia keessatti argama jedhee yaadus furmaati argamu irra caalaatti haalli diddaa gabrummaa hammaachaa jiraachuun ifaadha. Barattoota Oromoo diddaa gaggeessanii fi adda durmmaan barattoota kakaasaa jiru jedhee waan qabatamaa tokkoon malee hidhuun itti fufee Uiversiy Wallaggaa keessaatti Bitootessa 21,2012 barataa Tolaa Urgii jedhamu human feederaala Wayyaaneen qabamee mana hidhaa hin beekamnetti geessamuu isaa qeerroon Naqamte irraa gabaasa. Barataan Tolaa Urgeessaan muummee afaan Ingilizii wagga 3ffaa kan baratu yeroo tahu.Barataa kana humni federaalaa yeroo qabu Presedantiin Universiticha Fiqaaduu Bayyanaa osoo arguu fi mooricha keessa osoo jiruu tahuun beekamee jira. Kana malees barattoota Oronmoo ta’an 15 irratti isin farra nageenyaa waan taataniif akeekachiisa isiniif kenninu fudha jedhee bulchiisi University Wallagaa beeksise illee barattooti nuti farra nageenyaa osoo hin taane kan farra nageenyaa tahee ummatas tahe barattoota jeeqaa kan jiru human waraana mootummaa tahuu beeksisanii jiru.

1 thought on “Barattoota University Wallaggaa Hidhaa fi Akeekachiisa Wayyaaneef Osoo Hin Sarmiin Diddaa Itti Fufan.

  1. Ijoollee oromoo humna federaalaan iddoo adda addaatti qabaman kan saaxilbaasu achumma yunvarsiitii keessa basaastota jirani dha. Sabboontonni oromoo qabsoo qabsoo irratti hirmaachaa jirtan baasaastota kana ragaa fi suuraa isaanii waliin miidiyaa irratti akka ba’u gochuu qabdu. Yaroo tokko dargaggoon oromoo barataa hintaane mooraa yunvarsiitii Finfinnee keessa doormii barattootaa galuun ji’a tokko jiraate. Sabaabiin inni dhiheessaa tures “maallaqa waan hinqabneef hoteela buluu hindanda’u ,hojii barbaadachuuf magaalaa Finfinnee turuun qaba” ka jedhu ture. Ijoolleen oromos gara laafinaan ofitti qabanii gargaaraa turani. Dhuma irraatti dhoksaatiin oromota basaasee ragaa qabatee poolisii isaan qabsiise. Kanaaf ijoolleen oromoo akkuma habashaa ykn isaaniin ol abshaalummaadhaan guutamuu qabna.

Leave a comment