Wayyaaneen Mana Namaa Sakatta’uuf Dursitee Boombii Dhoofte.

(Qeerroo, Amboo, 21 Bitootessa 2012) Waraanni Wayyaanee diddaa Qeerroo dhaamsuuf magaala Amboo fi aanolee garaa garaatti bobba’e uummata Oromoo maqaa meeshaa waraanaa ABOtu isin bira jira fidaa jedhuun goolaa akka jiru beekame.

Akka kanaan Godina Shawaa lixaa aanaa Amboo ganda Awwaaroo jedhamu keessatti Bitootessa 20,2012 waraanni mootummaa Wayyaanee bobba’uun manaa manatti sakatta’insa meeshaa waraana ABO jedhuun uummata Oromoo rakkisaa oolee jira.

Keessaayyuu, halkanii fi guyyaa manni ilmaan Oromoo qawwee fi boombiin dhoksaan jira maqaa jedhuun mirgi nagaan jiraachuu ummataa goolamaa fi jeeqamaa akka jiru habatamee jira.

Haala kana dhaabsisuuf, ilmaan Oromoo waraanni mootummaa wayyaanee akka mana isaanii hin sakattaane dura dhaabbachaa kan jiran yoo ta’u, waraanni wayyaanee, keessaayyuu kana ganda Awwaaroo fi gandoota birootti bobba’e ilmaan Oromoo doorsisuufi ittiin qabataniis sakatta’aa gochuuf  boombii mana keessaa baasne jechuun kanuma hidhatanii bobba’an dhoosanii  ummata doorsisaa jiran.

Namni ijaan arge tokko Qeerroof akka ibsetti, Wayyaanoti dursanii boombii akka barbaadan oduu isaa karaa dabballoota isaanii himanii turan. Booda garuu, waan ittiin sababa godhatan tolfachuuf otuu sakatta’a hin eegaliin dursanii boombii dhoosan.

Boombiin dhuka’e kunis jiraataa ganda Awwaaroo tokko irratti balaa dhaqqabsiisee jira. Mormii fi diddaan uummataas haalaan jabaatee waraanni meeshaa guutuun ganda keessa naanna’aa jira.

Haaluma walfakkatuun, diddaa jabaachaa kan jiru yoo ta’u, keessaayyuu  barattootni Abuunaa diddaa isaanii jabeessanii akka jiran beekamee jira.

Leave a comment