“WEENNII GOGAA ISHEEF AJJEESANII”, YAA QEERROO !!! HIN DAGAMIIN

YAA.GAMMADAA(2005)

Weenniin foon ishee hin nyaatan .(akka Biyya keenyatti) faayidaa biroofis hin oolu. Garuu dhalli namaa bara baraan ajjeesaan. Kan inni ajjeesuuf ammo, gogaa isheetu gatii baasaafii. Mee, weenniin bineensaa yoo ajjeefamte iyyuu homaa miti jennee bira haa tarru. (Kana jechuun bineensa ajjeesu hayyamu kiyyaa miti.) Garuu weennin gogaa isheef jette ajjeefamu namatu beekeefii mammaakeef malee isheen hin beektu.

Anaan kan na dinqisiisu , Lubbuun ilmaan Oromoo ammuma weenniitti shallagamee, Qabeenyaa isaaf jedhamee bara baraan ajjeefamuu isaati. Jarri dabreedhaan Immiyyee Itoophiyaa  jedhanii lallabaa jiraatan, Ummata Oromoo kana akkuma dhala namaatti odoo hin lakkoofnee, akka weennitti herreeganii ajjeesaa jiraachuun isaa nama hin dhibu ? kan caalaatti nama raaju, hammeenya akkasii nu irratti raawwachaa , miidhaan isaan nu irratti raawwachaa jiran odoo itti hin dhaga’amne, Biyya diiguuf warra deeman nuun jechuu isaaniti. Mee hubadhaa , Biyyi isaan halkanii fi guyyaa irraa iyyaniif kun, akka hin diigamne yoo barbaadu ta’e, akka weennittii nu ilaalu akka dhaaban hubachuutu irra ture. Garuu ofii nu reebanii, kan nuuti madoofnuutti , isaantu nuuf iyya.WEENNII GOGAA ISHEEF AJJEESANII

Leave a comment