University Finfinnee Damee Bishooftuu Keessatti Barattooti Oromoo Walgahii Wayyaanee,OPDO Didan.

(Qeerroo, Finfinnee, 20, Bitootessa 2012)

Mootummaan Wayyaanee Ayyaana OPDO ofiin bixxile kabajuuf yuunivarsiitiilee keessatti qophii barbaachisaa gochuuf yaalus duraa fashalaa akka jiru qeerroon mooraa University adda addaa irraa gabaasan.

Wayyaaneen miseensota OPDO yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti Bitootessa 17/03/2012 walitti waamee haala ayyaana ho’aan kabajamu mariisisuuf yaalus miseensotni OPDO fi sabboontotni yuunivarsiitii sanaa harkatti akka fashalu taasisuun,walgahicha guutummaatti diduun wal dhabdee fi wal shakkiin akka bittinnaa’an ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee ayyaana OPDO kabajuuf qophiin itti jiru bakkeewwan hundaatti akka fashaluuf deemus qeerroon beeksisee jira.Haala kabaja ayyaana OPDO irratti Wayyaaneen yuunivarsiitiilee fi manneen barnootaa keessatti kabajuuf sodaan jira,Barattootni Oromoo nu harkatti fashalsiisu jechuun cinqamaa jiraachuun saaxilameera.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Booranaa aanaa Bulee Horaa keessatti barsiisotni OPDO hin taane shakkamtoota jedhamuun qoratamaa jiru.Qorannoon mootummaa Wayyaanee waan dura turee fi har’as jiru waan taheef qabsoo bilisummaaf jabaatanii akka tarkaanfatan qeerroon aanaa kanaa dhaamee jira.

1 thought on “University Finfinnee Damee Bishooftuu Keessatti Barattooti Oromoo Walgahii Wayyaanee,OPDO Didan.

Leave a comment