Fincilli Diddaa Gabrummaa Godina Lixa Shawaatti Jabaatee Itti Fufe.

(Qeerroo, Amboo, 20, Bitootessa 2012)

Godina Shawaa lixaa yuunivarsiitii Amboo fi naannoo isheetti diddaa uummataa  jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee waraana bobbasuun dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.

Haaluma kanaan Godina Shawaa lixaa aanolee garaa garaa fi magaalawwan Gindabarat,Xiqur Incinnii, fi Gudar keessatti diddaa haalaan itti jabaate dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo gandaa gandatti socho’uun doorsisaa jiraatu illee diddaan Qeerroo bilisummaa fi jiraattota naannichaa itti jabeetee jira.Bahaa fi galma magaalaniittis ABO tu seena sodaa jedhuun  uummata nagaa deemu sakatta’aa akka jiranis gabaasi naannoo san irraa qeerroon gabaase addeessa.Dargaggoota kanneen birootti ammo meeshaa irratti qabne jechuun sobanii gara mana hidhaatti guuraa akka jiran beekame.Dargaggootni meeshaa irratti qabne jedhamanii mootummaa Wayyaaneen ukaamsaman keessaa

1.Dargaggoo Dajanee Gaddafaa Aanaa Gindabarat ganda Koonnoo irraa

2.Dargaggoo Gaddafaa Aanaa Gindabarat ganda Jaammoo irraa keessatti argamu.

Mootummaan Wayyaanee godina kana keessatti haalaan sodaachuun uummata nagaa irratti goolii uumaa jiraaatu illee qeerroon jabinaan jala dhaabbachuun beekama. Haala kanatti kan rifate waraanni mootummaas diddaa kana garatti qabu dhabuu irraan ummata sodaachaa akka jiru beekamee jira.

Kanuma waliin gaaffii fi deebii Qeerroo Godina lixa Shawaa waliin goone gama fuula duraa isiniif dhiheesina.

Leave a comment