Wallaggatti Jilli Ergamtoota Wayyaanee Kan Itti Aaanaa President Oromiyaan durfamu Salphinaan Arihaman

Freedom Now!(Qeerroo, Naqamte, 19 Bitootessa 2012) Godina Wallaggaa bahaa aanolee garaa garaa keessatti diddaa ummataa jabaate dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee dabballoota isaa bobbaasus milkaa’uu hin dandeenye.Mootummaan Wayyaanee uummata diddaa jabeesse araaraa fi mariin furuuf itti aanaan Pirezedaantii Oromiyaa Abdullaah Mohaammedii fi jaleewwan mootummaa kanaa Shallamaa fi Bulchinsa Godina Wallagga bahaa Tafarii Xiyyaaroo poolisoota federaalaa dabalachuun gara aanaa Haroo Limmuu bobba’anis uummata walgahii yaamanii osoo hin milkaayiin hafan. Gootonni ummanni Oromoo didda finiinsaa jiran wayita walgahii waamanitti gantuu fi sobduu waliin marii hin gaggeessinu jechuun qaanessanii akka of irraa deebisan gabaasi Limmuu irraa nu gahe addeessa.

Uummatni Oromoo Aanaa Haroo Limmuu gaaffiin keenya gaaffii mirgaa kan bilisummaa waan taheef hanga deebii argannutti xibaara mootummaa Wayyaanee hin dhageenyu jechuun marii itti aanaa Pirezedaantii Naannoo Oromiyaa qaanessanii arhan kun daandiilee qixa qixaa irratti dargaggoota gurmeessuun dhagaa fi murxuxxee konkolaataa ergamtootaa irratti akka darbatanii fi hattuu jedhanii akka itti iyyaa turan dhagahame.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallaggaa bahaa aanaa Eebantuu keessatti waraanni Federaalaa mootummaa Wayyaanee bobba’uun ilmaan Oromoo qawwee seeraan qabatanii jiran isin ABO ti nyaachistu,ABO isini jechuun meeshaa hiikkadhaa yoommuu jedhu uummatni meeshaa keenya hin laatnu jechuun didanii jiru.Aanaa Kana gandoota garaa garaa keessatti uummatni Oromoo qawwee fi boombii dhoksaan qabdu jedhamuun qoratamaas akka jiran gabaasi Qeerroo aanichaa ifa godha.

Leave a comment