Wallisaa Kadir Martuu Hidhame!

(Qeerroo, Finfinnee, 18 Bitootessa 2012) Wallisaan beekamaa fi jaalatamaa Kadir Martuu, fi dargaggooti Oromoo hedduun biyya ollaa itti dahatan, Sudaan, Kaartum keessatti karaa ergamtoota Imbaasii Mootummaa wayyaanee achi jiruun akka hiisifamanii reebamaa jiran oduun nu gahe hubachiise.

Maddi oduu Qeerroo akka nuuf ibsetti, yeroo ammaa kanatti Kadir Martuu fi dargaggooti Oromoo hedduun Sudaan keessaa mana hidhaa ‘Shark Mamura’ bakka jedhamutti hidhamanii akka jiran hubatamee jira.

Akka madda Oduu keenyaatti, Kadir Martuu kan qabame gaafa 15/03/2012  yoo ta’u, yeroo ammaa kana  Kaartum keessatti rakkisaa fi hiraarsaa akka jiran dhaamsi nu geesse addeessitee jirti.

Wallisaa Oromoo Beekamaa Kadir Martuu(Kadir kaa)(Kadir Xiqqaan) mootummaan wayyaaneen  biyya keessatti erga hiraarfameen booda hidhaa fi hordoffii itti hammaate jalaa bahuuf, gara  biyya Sudaan Magaala Kaartum deemee dahannaa siyaasa gaafate.

Haala kana keessa otuu jiruu, ergamtooti Wayyaanee poolisoota Sudaan waliin ta’anii  dargaggoota Oromoo 15 waliin mana hidhaatti geessuun hidhaa keessatti  Imbaasiin Itoophiyaa namoota itti bituun reebsisaa akka jiran illee oduun kun ifa godhee jira.

Ergaan Sudaan irraa Qeerroo dhaqqabe akka ibsutti, Kadir Martuu yeroo ammaa kana reebichaan hedduu miidhamee kan jiru yoommuu tahu, mootummaan wayyaanees gara biyya keessaatti deebisiisuuf yaalii guddaa gochaa akka jirtu hubatamee jira.

Kanaan duras, manguddootni hojii mataa isaaniin jiraatan Ibraahim Guyyoo Boruu jedhamis bara 2011 biyya Sudaan Magaala Jubbaa keessaa qabamuun gara mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti erga geeffamanii booda waanti isaan keessa jiran hin beekamiin jira.

Ilmaan Oromoo oduu kana Qeerroof dabarsan itti dabaluunis, Kadir Martuu fi dargaggoota Oromoo kunneen qabanii otuu mootummaa Wayyaaneetti hin kenniin dura kanneen mirgoota namummaaf falmanii fi dubbatan waan danda’aniin birmatanii  ilmaan Oromoo kunneen akka baraarsan gaafatanii jiru.

 “Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessatti  garboomfataa mootummaa wayyaaneen akka bineensaa adamfamaa jiru,” kan jedhe qunnamtiin Qeerroo Bilisummaa, “mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo mara irraa amantii hin qabu; dhugaa ilmaan Oromoo dabsuu fi yeroo itti dammaqamu immoo sabboontota qabee hiraarsuu aadeffatee jira. Kan keessa bahuu kan dandeenyu marxifannee loluu callaan,waan ta’eef bakka jirrutti sirna kana buqqisuuf hidhannoo keenya haa jabeeffannu,” jechuun dhaamsa dabarsee jira
.
“Ilmaan Oromoo eenyummaa isaanii, seenaa fi duudhaa isaanii hin gatne, kanneen   mootummaa gabroomfataa wayyaaneef hin jilbeeffanne hidhuu fi dararuun kan dhaabbatu gaafa Bilisummaa keenya mirkanneeffanneedha, kna jedhe Quunnamtiin Qeerroo, “roorroo biyya keessaa fi biyyoota ollaatti obbolota keenya irra gahaa jiru hambisuuf, otuu hin mamiin diddaa fi qabsoo keenya dachaa dachaan haa furgaafnu!” jedhee jira.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo addaddaattis kanneen humnaan qabamanii gara biyyaatti darbaman karaatti ajjeesee gataa kan ture yoo ta’u, biyya keessa erga gahanii boodas murtii umurii guutuu fa’aa irratti murteessuun mana hidhaa keessatti akka dararaman gochaa kan jirtu ta’uun beekamaa dha.

Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

8 thoughts on “Wallisaa Kadir Martuu Hidhame!

  1. Erga laman qaba:
    1. Oromoon eessa haa jiraaatu?
    Oromiyaa keessatti nagaan jiraachuu hindandeenye. Biyyoota ollaatti yoo baqate qabamee hidhama, reebama, ajjeesama. Biyyoota ambaa ka biroo kan akka Noorwetii illee humnaan qabamee Woyyaaneetti akka kennamuuf karoorfamaa jira. Mee oromoon maal haa godhu? Oromoon martinuu keessumaayyuu ABO’n itti haa yaadu.

    2. Kadir Martuu ilaalchisee
    Artistiin oromoo jaallatamaan kun qabeenya isaa saamame, mana hidhaa woyyaneetti waggaa lamaa ol hidhame, reebame, gidiraa hedduu arge. Gara biyya ambaatti yommuu baqatu daangaa irrattis baay’ee gidiraa arge. Amma ammoo ergamtoota woyyaanetiin Sudan keessatti hidhame. Dargaggoon oromoo ka biroon maal gochuu qabna. Rakkoo Oromiyaa namoonni qubaan lakkaa’amn akka hiikan eeguu hinqabnu. Bakka jirrutti gama dandeenyeen haaloo ba’uuf qabsoo bilisummaa finiinsuu qofa.

    Qabsaa’an kufus qabsoon itti fufa!!!!!!!!!!!!!

  2. yaa ilmaan oromo qeerroo teenyaa heedduu nuf galatomaa artistii kadir martuu sudaan keessattii qabamee jirachuun ragaa hedduun ittii mul’atee jiraa kanaf ilmaan oromoo biyyaa ambaa keessaa jirtani fi dhabaa addaa addaa qunnamuf carraa qabdaan kadir martuu nuf dhaqqaaba lubbuu isaa nuf basaaa.hatattaman tarkanfii irrattii fudhadhaa nuuf dhaqaabaa

  3. dhabbata media qeerroo fi kanneen biyya ambaa jiratan hundaaf,gaara motumoota gamtoomaniitti nuf iyyaa. haa kaanuu inni har’aa kadir martuu fi dargagoota oromoo 15 irra gahee boruu tokko tokkoo keenya irra ni gahaa.kun akka hin taneef wal qabnee qeerroo cinaa haa dhabannuu.
    qabsa’an ni kufaa qabsoon itti fufa!injifannoo ummataa oromoof! wbo jajjabadhuu .wbo ilmaan kee mana hidhaatti darbatamaa jiruu ,jabaadhuu ,anillee si buukee dabachaan jira

  4. yaa oromo! Kenya kun ommaa ta´uu dideeraa!
    Mee ilaalaa,
    baqataa oromo Yaman (dhioo kanaa waan ta’ee)
    ” ” Norway (ama waan ta’aa jiruu)
    ” ” Somalia (mooraa baqataa keessattii kan dhuman)
    ” ” Kenya (mooraa baqataa keesattii kandhuman)
    ” ” Sudan (waan ama Kadir faa iratti ta’aa jirufii yaroodarbees ————————kan raawatammee)
    Qabsaa Oromo Eritrea (Wali galuu dadhabanii faca’aani Co. Abebe Geresu
    mana hidhaa, warii kaanis rabbii issaan haa egguu malee waan jannuu hinqbnuu.
    Dhioo dhuma kana Durbee Alem Dechasa jadhamtuu bakka bu’oota mottummaa Ethiopia birattii (biyya Libanon kessattii) laffarra arkissani hirraarsannii fudhannii
    deemanii vidion aggarree baayyee gaddinnee ottu gadda kanaa hin fiixattin siruummaa duttee ishii nuuf himani.
    Egaa yaa jarannaa bakkii hunduu erga nuf du’uu fi rakkachuu ta’ee waruma biyyaa nuu arri’aa jiran kana wajin walhudhanni biyya offiirati darbuu wayya.
    Anuu kanaa qoophedhaa!!!!!!!!!!!!

  5. Gochaan wayyaaneen ummata keenya irratti raawwachaa jirtu haarawaa miti. Guyyarraa guyyatti gara hundaan Oromoota roorroo isaanii dheefa biyyaa bahe miidhaa jirti. KADIIR MARTUU fi warreen waliin hidhaman; dhaaboota addunyaa kan dhimmi ilaalutti nuuf gabaaftanii akka faana nuuf buutan janna galatoomaa!

  6. yaa jaallan qabsoo,yaa qeerroo biyya kessas ta`e biyya alaa jirtan falii jiru tokko qofa akka ta`e wal haa hubachiisnu :inniis garaagarumaa siyaasaa,rakkoo nanummaa fi amantiin osoo wal hin qodiin tokkumaan yoo bakka jiruuti ijaaramne FDG ka wal irraa hin ciine finiinsiine male falii biroon hin jiru. kanaaf namu kana wal hubachiisu qaba gotichii Oromoo obbo H/mariiyaam Gammadaa “Oromoon tokko ta`e jechuun Oromoon Bilisome jechudha Oromoon bilisome jechun ammoo Oromoon tokko ta`e jechudha”ka jedhan akka dhaadannootti qabachuun atii shawaa atii walaga atii arsii …kkf dhiisun nutii ilmaan abbaa tokko Oromoo dha!!!biyyii kee fi biyyii keenya Oromiiyaa dha!!!!!atii mucaa eessaatii ?gaafii jedhe ka`u akka suummiitti lakkaa`un debii isaa atii Muucaa Oromiiti anii muucaa Oromootijechuuf waadaa keenya haaroomsiine yoo kanne, lafeen jaallan kuufan fi dhigii isaanii nu haabalesu jechuun qabsoof tokkum
    aan haa kaanu oromiyaan qeerroon ni bilisomti!!!! QEERROO ABDII BORII

  7. uuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuuu Khartoum Sudaan irraa
    Iyya keenna fuudhaa facaasa wol irra
    Ni qabnaa fi hin qabnnu,hin qabnuuf ni qabnna isin qabnna fira
    ormmi biyas qaba birattis of qaba ,dabrees woluu qaba
    anis biyyan qaba kan dhabes siin qaba
    osoo lammii qabu maaf ta’a gaggabaa
    lammii koo oromoo dafaa nu dhaqabaa
    osoo biyya qabnnu biyya keenna dhabnnee
    miidhamnnee rakkannee biyya keennaa yaanee
    biyya ollaa kennatti koolu galttuu taanee
    jiraachuuf yoo taanuu jiruudhumas dhabnne
    nu amma rakkanne ,kan nu keessa jirru rakko dhumahin qabnne
    uumaan keenna nama akka nama taane
    uumamaan nukkenne garaan nu beelahe obssuuf obssa dhabnne
    nyaanni tolaa hin jiru,nyaachuudhaaf hojjachu,hojjachuuf gaafanne
    ati essaa dhuftte woraqaan eenyummaa kankee meeti jechuun gaafii gaafatamnne
    nuti bar baqattoota ,koolu galttuu galle of irraa nu qabina jenneeitti boonne
    maal haatee nu seete,hin booyin garitee nu abbaa biyyati seera kenna qabnna jetteetiin nu hiite
    keeyata30(article number 30/talaatiin jawaazaati) jettee natti faarsite
    yoo hin barin bari bixxaagaafi iqaama afaan worraa saniin jettee natti himtte
    ollaanis nuu hin beeknne,nu’uudhumtti dhuma amma nutti hamatte

Leave a comment