Lukkeelee Wayyaaneef Tarkaanfii Sirreessaa Kennuun Itti Fufe!

(Qeerroo, Walisoo, 18 Bitootessa 2012) Godina Shawaa Kibba Lixaa, aanaa Tolee mana barnoota sadarkaa lammaffaa Baantuu keessatti barattonni Oromoo baasasotaa fi ergamoota Wayyaanee irratti tarkaanfii barumsa isaaniif ta’u fudhatan

Akka kanaan  dhalootan lammii Tigiree kan ta’ee barsiisaa Dani’el namni jedhamu yeroo hedduu barattoota hidhuu fi hiraarsuu isaa akka dhaabu akeekkachiisa kennameef fudhachuu didee gochaa diinummaa isaa waan itti fufeef,  tarkaanfiin isa sirreessu irratti fudhatamee jira.

“Barattooti Oromoo biyya abbaa keenyaa keessatti hiraarfamuu hin qabnu,” jedhan kunneen tarkaanfii barsiisaa kana kan fudhatan Kamisa darbe, gaafa guyyaa 15/3/2012 yoo ta’u barsiisichis yeroo ammaa kanatti  du’aaf jireenya gidduutti argama.

Barsiisa mana barnoota Baantuu sadarkaa lammaffaa kan ture, ergamaan wayyaanee kun,yeroo dheeraa barattota Oromo basaasee rakkisa ture. Kana malees, qabxiinqormaataa barattota irraa kutuun barattota Oromoo rakkisa kan ture yoo ta’u,  kutaa keessattis ta’ee alatti barattoota Oromoo  doorsisaa fi sodaachisaa hojii diinummaa dalagaa ture.

Yeroo baratonni tarkaanfii fudhatan sanatti baasasan opdo Seefuu jedhamu barattota osoo vidiyoon waraabaa jiru ijoolleen arganii kaameraa isaa  irraa fudhachuun, isas tarkaanfii guddaa irratti kan fudhatan ta’uun beekamee jira.

Haaluma walfakkaatuun, uummanni naannoos absaasota wayyaanee kanneen  dhalatoota Tigiree ta’an aanaa sana keessaa akka buqqisanii aryatanii fi  lafa Oromoo irraa ari’un, qabeenya isaanii cufa akka mulqan Qeerroon gabaasee jira.

Haaluam kanaan kan walqabate, yeroo ammaa kanatti warra hubbo-cabaa jedhanii ganda irraa deeman hojii basasummaa gaggeessan irratti illee tarkanfii fudhachuun akak baqatan godhamee jira.

“Naannoo sanatti amman tana wayyaanen muddama guddaa keessa jirti,” kan jedhe gabaasan keenya, ummati bittaa waggaa digdamaa ofirraa buqqisuuf kutatee akka jiru dabalee addeesssee jira.

Yeroo kanatti manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa marti kan cufaman yoo ta’u, barattooti Oromoo 30 ol ta’anis hidhamanii jiru.

2 thoughts on “Lukkeelee Wayyaaneef Tarkaanfii Sirreessaa Kennuun Itti Fufe!

  1. Qabsoon keenya akka durii dogoggoraa fi ariitittiin utuu hintaane bifa baay’ee of eeggannoo fi tooftaatiin deeggarameen itti fufuu qaba. Yaroo muraasa ho ho jenne booda akka teenyutti adeemuu hinqabu. Bifa yaroo irra yarootti bakka irraa bakkatti baba’atuun adeemuu qaba. Kana gochuuf karaa nu dandeessisu keessaa :
    1. Basaastota saaxilbaasuu dha. Afaan oromoo dubbachaa nu wajjin nyaatanii dhuganii diinaaf dabarsanii nju kennu ka dandaa’an akka jiran beeknee of eeggannoon garuu sodaa malee qabsaa’uu qabna.

    2. Namoota oromoo irratti yakka hojjetan irratti ragaa qindeessinee glmeessinee kaa’uu qabna. Kunis a) tarkaanfii fudhachuuf b) seeraan gaafachuuf nu gargaara.

  2. Yaada oromoni biyyaa alahaa jirtani martinuu
    ijoollumma ko irrayi gubbachuti
    jira mee gaafi ko
    nafi deebisa?
    Ani gaafi isinif dhiyessaru tokkooffaa barannotta jettani osoo namota akka kenya rakkatarani kanini biyyaa kessayi osoo bafitani mali qaba?tofitani
    baayy’etu jira!
    Yero amma kessatu tigirotta
    bayy’eefi caarani
    barannotta biya alati kenamarafi
    kani nuti qararani
    be nu yo bekana
    qofa!

Leave a comment