(Qeerroo, Finfinnee, Bitootessa 17,2012 ) Brattooti oromoo yakka tokko malee Oromummaa isaaniitiin yakkamanii mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti gidirfamaa jiran, “nuti qeerroo dha; kana ta’uun immoo yakka, jedhaatii mallatteessaa,” jedhamnii iyyuu mallatteessuu diduun isaanii gabaasame.
Oduun mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessaa Qeerroo dhaqqabe akka hubachiisutti, qorattootni Mana hidhaa Maa’ikelaawwii keessaa kanneen maqaan Wagaayyoo fi Katamaa jedhaman dargaggoota Oromoo mana hidhaa kana keessatti hiraarsaa jiran
Keessattuu, dargaggooti kunneen dirqamaan “Qeerroon nuyi,” jedhanii akka mallatteessan dirqisiisaa jiraatan iyyuu “Qeerroommaan sadarkaa Gadaa keessatti sadarkaa umurii dhaloota Oromoo kan bara dargaggummaa malee maqaa siyaasaan yakka ta’uu hin qabu,” jedhanii akka waraqaa barreeffame kana irratti hin mallatteessinu jechuun gootonni barattoonni mana hidhaa Maikalaawwii keessatti gidirfaman guutummaatti didanii jiru.
Barattoota kunneen keessaa tokko dhiheenya kana Yunivarsitii Hawaasaa keessaa ukaamfamee wiirtuu mana hidhaa fi dararaa wayyaanee, Maa’ikalaawwii, kan geessame Barataa Magarsaa Waaqjiraa, hidhaa fi reebichi ulfaataa irratti raawwatamuu oduun nu gahe kun addeessee jira.
Hidhamtoota keessaa addatti baasanii qeerrummaan akka yakka taheetti mallatteessaa bahaa jedhanii guyyaa irraa guyyaan gidirfamaa kanneen jiran keessaa, kan biraa immoo, Barataa Girmaa Nagaasaa illee hedduu reebamaa akka jiru kanneen argan dhaamanii jiru.
Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa, Yunivarsitii dirree Dhawaa irraa kan hidhames, ijaarsa Qeerroo ni beekta; caasaa qeerroo nutti himi, ittiin jedhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, barsiisaan kunis akkuma barattoota kaaniitti ejjanoo jabaadhaan fedhii fi gaaffii hiraarsitoota wayyaanee guutuufii diduun isaa hubatamee jira.
Barattooti fi hidhamtooti maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa jiran dhaamsa dabarfataniinis, “mallattoon sirna abbaa irree gaaffii fi iyyannoo lammii bulchuu gaafa sodaatu hidhaa fi hiraarsaan akka isaan usanii bulan gochuuf gochaa gara jabinaan guutame akka raawwaatu dursinee waan beeknuuf gaaffii mirgaa keenya gaafachuu fi falmachuu hin dhiifnu hin dhiifnu,” jedhanii jiru.
“Ummati keenyas bakka jirutti hidhaa fi reebichaaf otuu hin jilbeeffanne kaayyoo galmaan gahachuuf kutannoo fi murannoon diddaa isaa itti fufuu qaba,” kan jedhan hidhamttoti siyaasa kunneen, “hiree keenya qabsoo keenyaan mirkneeffanna,” jedhanii jiru.
Yeroo ammaa kanas barattootni,Dargaggootni,hojjettootni Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti hedduu rakkachaa kan jiranii fi Guyyaa guyyaan reebamaa jiru.Ilmaan Oromoo mana hidhaa maa’ikelaawwii keessaa Qeerroon isini ykn caasicha guutuu Oromiyaa keessaa ni beektu himaa jechuun guyyaadhaa guyyaan reebamaa jiru.
Bara nugusaa,bara dargii fi amma illee waggoota digdamaaf Uummatni Oromoo yeroodhaa gara yerootti Oromummaa isaa fi maqaa ABOn yakkamee akka inni mirga isaa hin falmanneef jecha mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti guuramuun kan beekame dha.Warraaqsa Biyyattii keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee addatti dargaggoota Oromoo akka hidhamtoota siyaasaatti mana hidhaa maa’ikelaawwiittti guuree gidirsaa jiraachuun isaa addunyaan kan beeke tahuu ifaadha.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Reebbichaan, hidhaan, ajjeechaan,…woyyaneen oromoo gaaffii mirgaa gaafatu irraa duubatti hendeebistu. Kuni muuxannoo waggaa 120 ol irraa arguu dandeenyu dha.
Maqaa fi suuraa namoota wayyanee waliin ta’anii oromoo irra gidiraa geessisan utuu miidiyaa adda addaa irratti ifa gootanii gumaa baafachuuf nuuf tola.
Injifatnoon warreegamaa fi qabsoon fixaan ba`a. Hundi keenya waan dandeenyu haa goonu. Warra ganda keesa yaa`anii Oromo afaan fajjeesan gara qabsoti deebi`a jenna. Wabbiin bilisummaa dhaloota qeerroti malee ayyaan-ilaalatu dhabbii hinqabne waan ta`eef, gargaasi qerroo haa cimu.