Bitootessa 17,2012 Naqamte
Guyyaa gaafa Bitootessa 16,2012 Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee Mana barumsaa Aliboo keessatti barattootni kutaa 11ffaa fi 9ffaa baratan maqaa misoomaaf ganda Irrootti ajajamanii ummata itti ololuuf deeman irratti sirba qeerroon Wayyaanee mataa dhukkubsan.Barattootni kun wallee”Tulluu gamaa Oromoon bulchuu qaba” jechuun misooma Wayyaaneen bara baraan lallabdu dhiisuun dhiichisan.Walleen isaanii uummata gammachiisuun dargaggootni hedduun itti makamuun jibbinsa mootummaa Wayyaaneef qaban ifaan arrabsuun agarsiisanii jiru.Ergamtootni Wayyaanee fi bulchinsi aanaa Jaartee Misikkir Lammii Deebisaa welluun barattootaa kun akka dhaabbatuuf xaaranis barattootni hanga dhumaa dhaadatanii jiru.Barsiisotni mana barumsaa kanaas tokkummaa qabanii fi gamtoomina ummata waliin qabanitti gammadanii dhadannoo mirgoota Oromoo ibsas dhageessisaa turanii jiru.
Kana malees qabsoo diddaa gabrummaa qeerroon itti jiru ukkaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo jumlaan hidhuun isaa beekamaa dha.Yakki mootummaa Wayyaanee biratti gaaffii mirgaati.Barattootni Godina Wallagga bahaa Aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa haroo Limmuu keessatti baratan
1.Barataa Lammeessaa Dassaalee Gomooroo Barataa kutaa 12ffaa
2.Barataa Asfaaw Dassaalee Gomooroo Barataa kutaa 12ffaa
3.Barataa Dirribaa Amanuu Dayyaas Barataa kutaa 11ffaa
Barattoota oromoo mana barumsaa kana keessaa hidhaman 30 keessaa qofaatti yakkamuun yeroo ammaa qajeelcha poolisii Godina Wallaggaa bahaa keessatti rakkachaa jiru.Barattootni kunneen 30 tahanii kan hidhaman yoommuu tahu mootummaan kun diddaa kana kan qindeessu isini jechuun qofaatti yakkee mana hidhaa keessatti hambisee jira.Shira garboomfataan mootummaa Wayyaanee hojjetuu fi waanjoo isaa irra ni aanna jechuun qeerroon wallagga bahaa kanuma waliin akeeka isaanii ibsachuun gabaafame.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!