Fincilli Diddaa Gabrummaa Qeerroo Bilisummaan Qabate Jabaatee Itti Fufe

Bitootessa 16,2012 Finfinnee

Diddaan ummata Oromoo jabaatee itti fufuu irraan Godina Wallaggaa bahaa keessatti dabballoonni Wayyaanee diddaa Qeerroo Bilisummaa dhaamsuuf jecha human poolisa federaalaa fi waraanaa qabatanii olii fi gadi kaachaa jiru. Haala kanaan dabballootiin Wayyaanee qondaalummaan of moggaasan  Girmaa Amantee fi Kaffaalee Ayyaanaa Jedhaman humna waraanaa fuudhanii aanaa Haroo Limmuu yeroo deemaa jiranitti dargaggoonni Oromoo karaa itti cufuun gara aanichaa akka hin deemneetti ittisanii jiru,haala kanaan waraannii fi dabballoonni kun karaa darbaa dhabuun mukkeen gurguddaa fi dhagaa gurguddaa daandii yeroo cufamu polisoonni dargaggoota karaa kana cufan itti deemuun meeshaan sodaachisan iyyuu Qeerroon nuti qawwee dhabnus dhagaa biyya abbaa keenyaa mirga keenya falmanna jedhanii sirboota warraaqsaa itti sirbuun  sodaatanii gara duubatti deebi’anii jiru jiru.

Haaluma kanaan Wallaggaa Bahaa keessatti diddaan jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa(High school and preparatory) uummata waamee waayee nagaa fi goolessitootaa jedhee itti lallabuu eegallaan  gaaffiin keenya gaaffii keenya gaaffii waan isin nutti himatan osoo hin taane gaaffii bilisummaati jechuun marii dabballoota Wayyaanee fashaleessanii jiru.

Kana malees  gaafa Bitootessa 12,2012 Sochiin mootummaa Wayyaanee onoota Godina shawaa lixaa keessaa injifannoo qeerroon fashale.Mootummaan Wayyaanee konkolaataa meeshaa guutuun gaaffii mirgaa itti ka’ee jiru ilmaan Oromoo sodaachisuu fi rifachiisuun FDG dhaabsisuuf yaalus Karaan Amboo fi Gudar gidduu bakkeewwan sadiitti(3) dhagaan cufamuun mootummaan Wayyaanee ofirra deebi’ee jira.Waraanni mootummaa Wayyaanee konkolaataa dhaabee dhagaa guuree al lama darbus bakkeewwan hedduutti cufamuun Oromoon fanjii awwaalee jira sodaa jedhuun duubatti deebi’anii jiru.Haaluma kanaan mootummaan Wayyaanee magaala Gudar fi kanneen biroo akka hin seenne dhorkamtee ture.Diddaan hanga bilisummaa daran akka jabaatu qeerroon naannoo kanaa dhaamee jira.Mootummaan Wayyaanee diddaa itti jabaatetti hirriba dhabee of irraa dhaamsuuf rakkachaa akka jiru beekamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment