Waldaan Barsiisota Oromoo Godina Shawaa Bahaa,Dukam Walgahii Wayyaaneen Yaamte Lagatan.

Bitootessa 15,2012 Finfinne

Barsiisota imaamata barnootaa mootummaa Wayyaanee jalatti hojjetaa jiraniif biyyattii keessaaf miindaa dabalataa isinii kennama jechaa gama biroon hidha Abbayyaaf irraa kutaa jireenyi uummataa keessumaa hojjettootaa gadadoo keessa akka galu erga godhee oolee bulee jira.Har’as ittuma fufuun gaaffii mirgaa biyyattii keessatti ka’e gowwoomsee ukkaamsuuf falli fale kanuma.Miindaan dabalataa kennamu naanna’ee hidha abbayyaa maqaa jedhuun funaanama.
Haala kana kan hubatan Waldaan Barsiisotaa Godina Shawaa Bahaa Duukam keessatti argaman marii wal gahii mootummaan waamee miindaan dabalama jedhu shiraaf tahuu dubbachuun wal gahii yaamaman irratti argamuu dhabuun akeeka Wayyaanee kana fashaleessanii jiru.
Qaala’insa jireenyaa biyyattii keessatti qabate irratti uummatni biyyattii keessaa hojjetee mootummaa bakka maratti irratti marihachun biyya Oromoo karaa hundaan miidhamaa jirtu kanaaf tokko taanee kaane malee falli biraa hin jiru jechuun waldaan barsiisotaa kun dhaammatani jiru.

Haaluma wal fakkaatuun qaala’insa Jireenyaa irraa kan ka’e barsiisotni Naannoo Amaaraa Gonderii fi Goojjam keessaa hojii baruu fi barsiisuu akka dhaabanii jiran himama.

 

Leave a comment