QE Irraa Finfinnee
Uummatni Oromoo bittaa abbaa irrummaa mootummaa Wayyaaneen kufe jedhee guyyaa itti taa’e,Ameen jedhee guyyaa itti fudhate hin qabu.Kunis mootummaa garboomfataa wayyaaneef ifa akka guyyaati.Mootummaan Wayyaanees dhaaba siyaasaa ilmaan Oromoo ABO haqaan falmuu,gaaffii mirgaa dhiyeessuu fi gaaffiin isaa gaaffii bilisummaa tahuu fi kan ilmaan oromoo tahuu waan beekuuf shira hin xaxne hin qabdu.Mootummaan wayyaanee ABO hedduu sodaata.ABO dhugaan falmaa waan jiruuf akka moo’atus ni beeka.Kanaaf uummata gaaffii mirgaa gaafatan hidhaa,ajjeessaa,qe’ee irraa buqqisaa,hojii irraa arii’aa as gahe.Sodaan mootummaa wayyaanee kun qabsoo qeerroon belbelchaa jiruun daran jabaatee jira.Qeerroon oromoo ilmaan oromoo mootummaan wayyaanee gowwoomsuun OPDO ofiin bixxilte keessatti qabdee akka qilleensi muka gara barbaade raasu raasaa oromoon oromoo qalsiistu,hiisistu amansiisuun qabsoo qeerrootti akka dabalaman erga godhee amantamummaan OPDO irraa qabdu jalaa bade.Kanneen kaayyoo godhatanii ilmaan oromoo hiisisaa,ajjeesisaa as gahanii fi itti jiran har’as wayyaanee waliin katee hurgufu.Har’as mootummaan wayyaanee sodaa kana irraa ka’uun amanamtoota OPDO keessaa Oromiyaa Itoophiyoomsuuf kan nuyi ABOti,ABO waliin quba wal qabna jedhanii uummata TV bittaa umrii itti dheereffachuu fi siyaasa ittiin gaggeessuuf dhaabde irratti ololsiisti.Gantoota garaaf bitaman,Gartuuu bixxillee OPDO G7 kan alaabaa ABO qabachuun ABO nuyi jedhan kun kan wayyaaneen maallaqa misoomaaf jettee uummata irraa funaanteen bitte dha. ABO uummata oromooti.Gantuu fi sobduun yaatus,ololli diinaa akkuma kaleessaa har’a sodaaf iyyamus ABO haqaan ijaaramee haqaaf waan falmuuf hanga haqni galma gahu ilmaan oromoo keessa jira.Boorus jiraata.Kanaaf Ololli diinaa fi gantootni sodaaf katee reeban oromoo fi oromiyaa hin jijjiiran.Qabsoon bilisummaa hanga galma gahuttis qabsoon qeerroo jabaatee itti fufa!
Murannoo gaarii dha!