Sababaa Qabeenyi Investeroota Alaagaa Barbadaayeen Mootummaan Wayyaanee Dargaggoota Oromoo Jeeqaa Jira.

Bitootessa 14,2012 Finfinnee

Bitootessa 11,2012 qabeenya investera alagaa nama maqaan Addish Gebre Yohaannis jedhamu irratti erga tarkaanfiin fudhatamee mootummaan Wayyaanee Oromoota naannoo daangaa Beneshangulii fi ona Limmuu jeqaa jira.Sababa kanaan dargaggoonni Oromoo 72 ta’an mana hidhaa Wayyaanotaatti akka guuraman beekamee jira.

Kanuma waliin lafti Oromiyaa yeroodhaa yerootti qircamaa alagootatti gurguramuu irraan darbee yeroo ammaa lafti Oromiyaa daangaa Benishaangul Gumuz Godina Wallaggaa bahaa  aanaa Haroo Limmuu keessatti argamu lafa Beenishaangul Gumuz jedhame.Uummatni oromoo naannoo kana qubatan gaaffiin isaan gaafatan gaaffii ABO ti jechuun mootummaa wayyaanee dabballootaan doorsisaa jira.Ilmaan oromoo aanaa kanaas nuyi oromoodha,Haroo Limmuunis lafa Oromiyaati jechuun dura dhaabbachuun falmaa jiru.Uummatni naannoo kanaa fi qeerroon naannoo kanaa lafti oromoo akka hin gurguramnee fi daangaan ishee tikfamtu oromoon martuu iyya dabarsuu qaba jechuun dhaamanii jiru.

Leave a comment