Dargaggoonni Oromoo Wallee Warraaqsaa Walliftan jedhamanii hidhaman

Bitootessa 13,2012

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti
dargaggoota Oromoo sirboota siyaasaa ummata sirbisiiftaniittu ABO waliin hidhata qabdu ,dargaggoota Oromoo wallee waraaqsaan kakaaftaniittu jedhuun yakkamanii mana hidhaatti dabaman. Kanneen hidhaman keessaa

  1. Dargaggoo Misgaanaa Rabbirraa
  2. Dargaggoo Bantii
  3. Dargaggoo Zallee Wiirtuu
  4. Dargaggoo Hundarraa

Kanneen jedhaman yeroo tahu. Dargaggootni kunneen yeroo ammaa Mana hidhaa Aanaa Jaardagaa jaartee Waajjira Poolisii keessatti dhiitamaa jiraachuu qeerroon aanaa Jaartee irraa gabaasee jira.

Aliboo keessa halkanii fi guyyaa bilisaan akka hin deemne dhiibbaa guddaa irraan gaggeessaa jiraachuunii fi qeerroowwan garii

hidhuuf barbaadaa jiraachuu gabaasni ifa godhee jira.

Kana malees magaalaa Aliboo keessatti dargaggoonni jiraatan halkanii fi guyyaa bilisaan ta’anii akka hin sochooneef jecha karaa milishootaa fi poolisoota ramadamanii eegumsi guddaa ta’aa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaa ni kufa!

1 thought on “Dargaggoonni Oromoo Wallee Warraaqsaa Walliftan jedhamanii hidhaman

  1. Wayyanoota hojii shororkeessummaa ummata oromoo irratti hojjetan adda baasnee utuu beeknee tarkaanfii jabaa fudhachuuf nutti tola. Poolisoonni wayyaanee ijoollee oromoo dhidhiitaa jiran kun eenyufaa akka ta’an maqaan isaanii ifa utuu ta’ee misha.

Leave a comment