Qabeenyi Investera alagaa Ato Addish G/Yohaannis daangaa Oromiyaa fi Beenishaangul Haroo Limmuu jiru Ibiddaan barbadaa’e!‏

Bitootessa 12,2012      

Lammii Oromoo lafa isaanii  irraa kaasuudhaan uummata Oromoo fi Beenishaangul Gumuuz yeroo dheeraaf walitti buusaa kan ture investerri Habashaa kan tahe Addish Gebre Yohaannis aanaa Haroo Limmuu keessatti ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuun qabeenya dhuunfaa kuufachaa ture.Oromoota lafa irraa buqise deebisee akka garbaatti hojjechiifachaa yoona gahe.

Warraaqsi Oromiyaa guutuu keessatti biyya ofii irratti falmuu fi mirga ofiif kabachiisuu itti fufuun  qabeenya inverstera alagaa kan daangaa Benishaangulii fi Oromiyaa gidduutti argamu aanaa Haroo Limmuu keessatti argamu irratti Guyyaa Bitootessa 12,2012 warraaqsi tarkaanfii fudhateen qabeenya hedduu ibiddaan barbadeessee jira.

Qabeenyi investera Habashaa kanaa tiraakterri afurii(4) fi oomishni mishingaa heektara lama(2) oomishni boqqolloo heektarri lama(2) balaa ibiddaa kanaan guutummaatti  barbadaa’ee jira.

Abbaan qabeenyaa habashaa kun naannoo kana gadhiisee hin deemu taanaan fuuldura lubbuu isaaf sodaachisaa akka tahe humni warraaqsaa xalayaa inverstera kanaaf ifatti barreessee ergeen beeksisee jira.Kana malees inversteroonni mootummaa Wayyaanee waliin ta’anii ummata Oromoo lafa irraa buqisaa jiraniif tarkaanfiin gochaa isaaniin madaalu akka itti kennamu akeekachiisi kennamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

2 thoughts on “Qabeenyi Investera alagaa Ato Addish G/Yohaannis daangaa Oromiyaa fi Beenishaangul Haroo Limmuu jiru Ibiddaan barbadaa’e!‏

  1. why wayanni doing mass killing of our land b\c to distroy our land this s not aloud warii qeerroo rise to distroy tplf be stand together to fight this evil goverment

  2. Tarkaanfiin qabeenya diinaa barbadeessuu amma fudhatamaa jiru kun tooftaa baay’ee bu’aa buusuu danda’u dha. Hamilee Wayyanee fi investeroota ishii cabsa.

Leave a comment