Mannii fi Qabeenyi Qondaala OPDO Beekumaa Dheeressa Jedhamu Guutuutti Barbadaaye.

Bitootessa 12,2012 Gimbi                

Wallaga magaalaa Calliyaa ganda Orchoqi jedhamu keessa kan jiraatu qondaalli OPDO maqaa Beekumaa Dheerreessaa  jedhamuun kan beekamu yeroo dheeraaf ummata naannoo kanaa gidirsaa kan turee fi sochii warraaqsaa bara 2011 jalqaba irratti ka’ee adda durummaan barsisotaa fi barattoota Oromoo mana hidhaatte guursisaa kan ture ta’uun beekama.

Qondaala kanaaf yeroo adda addaatti akeekachiisi kennamuun akka qabsoo ummata Oromoo dura hin dhaabbannee fi Oromoo hiisisuu irraa akka dhaabbatuuf akeekachiisi kennamaa ture,sana irra darbee maal nadhibee kan jedhuun Oromoota itti dhadachuu fi caalaatti qotee bulaatti roorrisuu waan itti fufeef jecha Bitootessa 10,2012 mana jireenya isaatti adbidda qabachuun inni lubbuun yeroo baafatu qabeenyi isaa guutuutti barbadayee jira.

Haala kanaan kan rifatee fi kan birmateef waraanni Wayyaanee poolisa gandaa dabalatee ummata jiraattota naannoo Calliyaa haalaa goolaa jiru,namoota isin shakkamoota jechuun gara 100 ta’an mana hidhaa geessanii jiraachuu gabaasi Calliya irraa nu gahe addeessa.

Namoota hidhamanii isin ergama ABO qabdu jechuun haalaan reebamaa jiran keessaa Barsiisaa Margaa Sassaabaa fi Ogeessa Fayyaa Abiyoot Eliyaas kanneen jedhaman keessatti argamu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Leave a comment