Qonnaan Oomisha Shonkora Fincaa’aa Ibiddaan Barbadaaye.

Bitootessa 11,2012

Mootummaan Wayyaanee  gaaffii mirgaa ilmaan Oromoof deebii kennuu dhiisee hidhaa fi ajjeechaan saminsa lafaan ummata Oromoo miidhaa waan jiruuf.Kana irratti dabalees yeroo ammaa caalaati ummata Oromoo gabrummaa jalatti hambisuuf jecha halkanii fi guyyaa kan tattaafatu  haala kanaan jireenya fi abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneeffachuuf jecha warraaqsi bilisummaa Oromoo eegale tarkaanfii gochaa mootummichaan madaalu fudhachuu dha.

Haala kanaan  guyyaa har’aa Bitootessa 10,2012 sa’a 9:57tti Oomisha shonkoraa Waarshaa sukkaaraa Fincaa’aa magaala Xiqqoo ‘’I’’ jedhamtuun waamamtuu fi Nashee gidduutti argamu karaa Konkolaataa laga Nasheetti geessu irraa gama mirgaatti kan argamu guutummaatti  ibiddaan barbada’ee jira.Mootummaan Wayyaanee lafa ilmaan Oromoo irratti horee Oromoo bitaan kana booda abjuu isaaf haa tahu jechuun tarkaanfiin kun jabaatee akka itti fufu warraaqtonni gabaasanii jiru.

Baatii lamaan kana keessatti tarkaanfiin inveesiterootaa fi qabeenya mootummichaa irratti kan fudhatame kan jalqabaa malee kan dhumaa akka hin taane gootonni Oromoo  ni mirkaneessu. Washaanlee fi lafa qonnaa shukkaara Finca’aa haala eegumsi isaa waraana wayyaanee jabaate keessatti gootonni warraaqsa gaggeessan tarkaanfii akkasii fudhachuun wayyaanee guddoo naasisee akka jiru argama.

Mootummaan wayyaanees baatii darbe keessa oomisha shonkora Finca’aa kan hektaara 7 tahu sababaan gubateef hojjettoonni warshichaa fi kan oomisha irratti hojjetan Oromoota waan taataniif diddaa keessan muldhisuuf akkana gootan jechuun nama 27 kan tahan mana hidhaatti dabarsee kanneen 200 ta’an ammo hojii irraa ari’uun isaa ni yaadatama.

Guyyaa har’aas haala kanatti kan rifate mootummichi human waraanaa gara oomisha sanitti yeroo guuree bobba’ee jira.

Haala kanatti aanu jala bu’ee qeerroon ni gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

6 thoughts on “Qonnaan Oomisha Shonkora Fincaa’aa Ibiddaan Barbadaaye.

  1. Tooftaan amma qabsaa’onni oromoo fayyadamaa jiran baay’ee bayeessaa dha. Aarsaa xiqqoon bu’aa guddaa fiduu dandaa’aa. Ilmi namaa waa ijaaruu malee balleessuun/diiguun isa hindhibu. Kanaaf qabeenya diina keenyaa balleessuun aarsaa guddaa ka nugaafatu miti. Lafa oromoo investeroota habashaan qabame oomishaa isaanii gubuun gadhisiisuu in dandeenya. Karaa isaan irra adeemanii qabeenya keenya saaman caccabsuun kisaaraa keessa isaan galchuu dandeenya. Oromoon akka ummata sudaan kibbaafaa biyyoota dhihaa irraa gargaarsaa waan hinarganneef bifa gatii xinnootiin bu’aa guddaa buusuu danda’uun qabsoo isaa adeemsisuu qaba.

    • Oromiyaan dachee dhalasheef nyaattuu,warra hambaa garuu nyaachiftuu godhamte kana harka diinaa baafnee dhalasheef haadha akka taatu godhuun dirqama dhaloota har’aati!kanaaf haa jabaannu dhiiroo!

  2. akka walii galatti oromiyaan ummata ishee utuu hin taíin halagaa soortee jirti?
    kunis furmaata argachuuf humna qeerroon mulísaa jira ummata ishee soortee hamba ishee tarii kan biraaf taúu qaba.
    mee qabatamaan kan ijaan hubadhe keessa yeroo tokko horroo guduruu keessaa nannoo abee dongorro keessaa TULLUU LAFTOO jedhamu bosona gudda qabeenya bineensaa fi qabeenya uumama ummata achii darbee naannoo biroof kan gargaaru ummata amaraa(goojjamiin)saamamee jira.,garuu magaala abee dongorootti warri umuriin dullooman kan nyaatan dhabanii harka namaa ilalaa jiru. .
    iiti dabalees yeroon argeetti maqaa investeraan caasaa SIYEE ABRAHA taé NAMICHI TOKKOO(TIGIRICHA)oromoon biroon investera dhabanii yeroo rakkatan xalayaa baalle tokkoon federla jedhamuun hektaara 500 ol fudhachuun akka jaallateetti ummata amaraa guttinii jiranii kireessuun erga quufee booda hektaara 200 duwwaa barbaada jechuun isa kaan lafa dué deebise battala sanatti godoo guddaa ijaaruun waddeessa kumatamaan lakkaámu keessa tuulee gaaffii tokko malee ol gara lammii isaatti erga.
    ega kan jechuu barbaade tarkaanfiin shukaara fincaáatti fudhatame naannoo adda addaatti fufa sababiin isaa ummatni oromoo lafti isaa halagaa duuromse malee oromoof hin fayyadne fakkeenyaaf ibsaa fincaáa daandii konkolaataa fi shamboo dura magaala guddattuu badhaatuu turte amma ganda qotee bulaa tokko fakkaatti
    walii gala qeerroo koo jabaadhaa
    hojiin keessan adunyaa irratti beekamtee jirti.
    lammiin keenyas tokkummaan haamlee fi seexaan qeerroo keenya cinaa haa dhaabbannu
    nagaatti
    GOOLEE

  3. Hunduu naannoo naannoo isaa ka jiru qabeenya habashaa karaa isaafii dandaa’ame hunda mancaasuuf haa socho’u!!!!

  4. Soochiin kun kan abdi namaaf laatu ta’e garuu oromiyaa daanga hanga daangaati walqabata hinjiru.nannawaa murtaye keessa qofa kanafu oromyaa mara irratti ta’u qabati jabadha nijaabaanna.

Leave a comment