Sochii Qeerroo dura dhaabbachuu irratti Qondaaloti TPLF fi OPDOn Walii galuu dadhaban.

Bitootessa 10,2012

Sochii dargaggoota Oromoo naannoo garaa garaatti tahaa jiru dura dhaabbachuuf jecha warri Wayyaanee fala isaan hin faliin hin jiru, gaaffii ummata Oromoof deebii gahaa kennuu waan hin dandeenyeef jecha saba Oromoo hidhuu,ajjeessuu,biyyaa ari’uu fi hiyyoomsuun furmaata itti fakkaatee haalleen akkasiin ummata Oromoo guraa lubbuu isaanii dheereffatu,

Haalli kun xumura argatee ummanni Oromoo abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa tahuun biyya isaa irratti abboomee akka jiraatuuf sochiin dargaggoota biyyoolessaa eegalee umurii wagga tokko hin geenye keessatti qaanqeen isaa Oromiyaa guutuutti qabachuun mootummaa Wayyaanee haala kana hin jedhamneen jeeqaa fi sodaachisaa jira. Sochii kana dura dhaabbachuuf jecha human poolisa naannoo irraa hanga feederaalaa sanas darbe loltoota mootummaa naannoo lee sochiin qeerroo jiru maratti erguu fi university Oromiyaa keessaa mooraa waraanaa taasisanii jiru,kanaan diddaan dargaggoota Oromoo murteeffatoo kun dhaabbachuu didee Wayyaanee raasaa jira.Fuula durri keenya abdii bilisummaatu jira jechuun qeerroon warraaqsa eegale kun dabballootaa fi qondaalota OPDO keessaa kanneen dammaqanii ummata Oromootti deebi’uu barbaadan ofitti dabaluun sochiileen itti fufee jira.

Haala kanaan sochii University lee dhaamsuu kan jedhuun qondaaloti TPLF ol aanoo fi kanneen OPDO ta’an  Bitootessa 09,2012 University Hawaasaatti walitti dhufuun walgahii godhatanii jiru.Walgahiin isaanii kun irra guddaa ummata Oromoo fi dargaggoota Oromoo akkamitti akka of irraa dhahuu qaban irratti xiyyeefatee kan haasayame yeroo tahu gaaffii barattooti gaafatan gaaffiin dhugaa dha dura deebiin kennamuu qaba kan jedhu yaadi qondaalota TPLF itti dhihaannaan jeequmsi eegale, haala kanaan  wal dhabdiin gidduutti uumamuun mariin isaanii guutummaatti fashaluun adda diigamuu isaanii odeeffati isaan keessaa Qeerroo gahe addeessa.

Ammaan dura sochii Qeerroo tumsuuf jedha Oromoonni human Poolisa Federaala keessa jiran magaala Finfinneettii fi qondaaloti OPDO gariin Jimmatti,baatii darbes miseensonni isaanii mooraa University Finfinneetti sochii qeerroo akka degeran ibsa baasaniin beeksisanii jiraachuun ni yaadatama.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

1 thought on “Sochii Qeerroo dura dhaabbachuu irratti Qondaaloti TPLF fi OPDOn Walii galuu dadhaban.

  1. Qeerroo sabaa akkam jirtan nagaya? bu’aan qabsoo keeysanii waa hedduu dha jijjiiraa jira. kun wareega keeysaniin kan argame . Kanaaf bilisummaa hawwinuufis yaroon isaa dhihoo dha! Jabaadha! Isin waliin jirra!

Leave a comment