Bitootessa 09,2012
Manni Kitaaba yuunivarsiitii Arbaaminc kan Main campus keessa jiruu fi bara 1986 itti ijaarame guutummaatti saamamuu Qeerroon Arba Minci gabaasa.
Manni kitaabaa kun kan saamame jeequmsa mooraa Universitycha keessatti tahe sababeeffachuun dabballooti Wayyaanee saamicha godhan tahuu qeerroon addeessa
.Qabeenyi guddaan yuunivarsiitii Arbaminci mana kitaabaa kana keessaa saamame kan horii laayyootti lakkaawamu akka hin taanee fi komputera kitaabota qaqaalii fi waanneen adda addaa kan jiran yeroo tahu haala kanatti dabalee sababaa jeequmsatu mooraa keessa jira jedhuun mootummaan Wayyaanee barattootni yuunivarsiitii Arbaaminc waggaa tokkoffaa baratan wayita qormaataa ibsaan(current) irratti dhaamsuun barattoota ifaa dhokatanii hedduu dararaa jiraachuun beekame.Gaaffii bulchinsa mooraa yuunivarsiitiitti dhiyeessaniifis deebiin kennamu dhibamee barattootni FDG kaasu sababa jedhuun human poolisaan mooricha eegaa akka jiranii fi sochii ka’a jedhame akka ittisaa jiran beekame.
Sodaa Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo Qeerroo irraa qabuun manni kitaabaa qeerroon saamame jechuun sodaatee Ashaaraa barattootaa funaanuuf marii gaggeesseen irrattis wal dhabdiin marii keessatti uumamee jira.Ashaaraan funaanamnaan diddaan barattootaa waan jabaatuuf dhiisna jechuun marii akka goolaban qeerroon arbaaminc gabaasee jira.
Haaluma walfakkaatuun Godina Arbaaminc aanaa Cheenchaa keessatti mootummaan Wayyaanee uummata amantiin walitti buuse.Uummatnis walitti bu’insi kun wayyaanee irraa kan dhufe hubachuun dabballoota Wayyaanee irratti halkanii fi guyyaa mana reebaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.