Magaalaa Ginda Barattitti Dabballoonni Wayyaanee Tahe jedhaniii Qabeenya Mana Barnootaa Guban.

Bitootessa 10,2012

Gaaffiin ilmaan oromoo hin deebi’u taanaan;Ilmaan oromoo baratanii hojii hin argatan taanaan barachuun maaliif barbaachisa kan jedhan Barattootni Oromoo Bitootessa 09,2012  sa’aa 8:27 tti Godina Shawaa lixaa aanaa Ginda Barat  Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Gindabarat keessatti gaaffii mirgaa waan kaasaniif jecha dabballoonni Wayyaanee  tahe jedhanii karaa biraa mana barumsaa san keessatti ibiddaa  qabsiisuun qabeenya mana barumsaa barbadeessan.Tuffiin mootummaa ilmaan Oromoof qabdu diiddaa keenya jabeessuun mirga goonfanna kan jedhan barattooti Oromoo diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Qabeenyi mana barumaa sadakaa lammaffaa kun barbadaawuu irraan kan ka’e humni waraanni Wayyaanee dabalata yaammatee naannoo san qubatee ummata jeeqaa akka oole qeerroon ni gabaasa.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Harargee bahaa keessatti karaan Qullubbiidhaa Harar geessu Wayyaaneetti dhagaan cufamuun Wayyaaneen haala kana irraa rifatee waraannii fi dabballoonni Wayyaanee dhagaa san deebisanii guuruu dirqamanii jiru.

Qeerroon oromoo tarkaanfii kana raawwachuuf kan dirqame bakkeewwan kunneen bakka uummatni itti fayyadamu irra bakka garboomfataan mootummaa Wayyaanee itti ilmaan Oromoo dhiituu fi gaaffiin ilmaan Oromoo bakkeewwan itti hin deebine akka tahe uummatni oromoo jabeessee akka hubatu dhaamee jira.

Tarkaanfiin kun Golee Oromiyaa guutuu keessatti hanga gaaffiin ilmaan Oromoo deebi’u jabaatee akka itti fufu qeerroon gadi jabeessee dhaammata !

1 thought on “Magaalaa Ginda Barattitti Dabballoonni Wayyaanee Tahe jedhaniii Qabeenya Mana Barnootaa Guban.

Leave a comment