Wallagga Naannoo Ebantuu fi Jidduu Galeessa Oromiyaatti Diddaan Hammaatee Itti Fufe.

Bitootessa 09,2012

Guyyaa kaleessaa Godina Wallaggaa Bahaa Eebantuu keessatti mootummaan Wayyaanee diddaa itti jabaate barattootaa fi barsiisota Oromoo waliin jeequmsa guddaa kaasuun qeerroon Eebantuu irraa gabaase. Sababaan diddaan kun ummata naannoo fi barsiisota dabalatee ka’e kun fincila diddaa gabrummaan naannoo saniif yeroo dheeraaf deemaa jiru dura dhaabbachuuf jecha mootumaan Wayyaanee fiilmii kijibaa manneen barnootaa keessatti agarsiisuuf kan yaale  guutummaatti Qeerroon  filmii kijibaa hin laallu,mootummaan Wayyaanee ammaan booda nu bulchuu hin dandayu jennee yeroo adda addaatti himannee jirra jechuun harkatti fashalchiisee jira.

Haaluma kanaan Qeerroon Oromoo Eebantuu diddaa daran jabeessuun Wallee warraaqsaa

“Qeerroo hin kaatuu akka abbaa kee

Wayyaaneetu saame biyya haadha kee”

Jechuun wallisaa oolee jira.Mootummaan Wayyaanees didda halaan qeerroo irraa itti jabaachaa dhufe jala dhaabbachuuf waraana gama Goojjam irraan seenu waliin uummata irratti goolii uumaa olee jira jechuun gabaafame.Qeerroon Wallagga bahaas hanga bilisummaa diddaan jabaatee akka itti fufu gabaasa waliin ibsee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Diddaan Godina shawaa bahaa fi Lixaa keessatti mootummaa wayyaaneetti jabaachaa dhufuun waraana federaalaa aanoleetti bobbaasuuf diqamee jira. Mariin namuusaa sodaa qeerroof yuunivarsiitii Finfinnee Damee hundaa keessatti gaggeeffames milkaa’ina malee xumuramee jira.Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuus Gaaffiin ilmaan Oromoo Gaaffii Bilisummaati jechuun dabballoota Wayyaanee mataa dhukkubsanii jiru.

Qabsoon itti  fufa!Gabrummaan ni kufa!!

3 thoughts on “Wallagga Naannoo Ebantuu fi Jidduu Galeessa Oromiyaatti Diddaan Hammaatee Itti Fufe.

  1. fincila diddaa gabrummaa qeerroo ona Eebantuu gochaan qeerrro yeroon dubbisu ummata naanoo sana akka salphaatti wayaneen jilbeesitee bituuf yeroo adda addaa carraa hin arganne kunis yeroo wayaneen galtu warana ishee yeroo duraa erguuf yaalii gootu bulcha kan ture OBBO GALATAA KASASA kan jedhaman lakki asi hin dhuftan nuti uf dandeenya jechuun yerooof haa didan malee bulchaa naanoo sanaa kennaniif haala barumsa guddaa hin qabneen ummata isaanii hanga dandeetti isaaniitti buáa gudda ummata isaaniif gumaachaniiru garuu isaan jala OPDO warra akka abbaa garaa BADHAASAA GOOBANA kan jedhamuu ummata jilbeefachiisuuf carraa godhee booda wayaneen amanama waan taéef BULCHAA taé. garuu dhumni isaa hin bareenne.
    ega kan kana yaada akkan kaasu na godhe kan akka JALLE NAGAASAA ANBASEE BILISUMMSA OROMOOF qabsaán kan biroos qeerroof seena kennaniiru
    kanaafis hundi keenya tokko taúun wayanee hundeen fonqolchuun yeroon isaa fagoo miti.
    NAGAATTI
    GOOLEE

  2. Baayyee nama gammachiisa, ammallee kallattii maraan haala qeerroon irra jiruufi iccitii murna xiqqaa wayyaaneee fi jala deemtota ishee bakkeetti yaa baafnu!
    “Oromiyaan ni bilisoomti!”

  3. Kuni waan gaarii guddadhaa! Walqoodani oloolaa wal irratti oofudhaan humnaa wal buusu’irra wal sosobuudhaan harka walqabatani diina harkaafi miillla xaxanii kuffisuuf yaaluudhaa. Jarri hundumtuu warrii diina oromoodha harkaa lafajalaatiin walii isaanii ammatanii Oromootaa barbadeesuu yaalaa jiruu. Walii galuun lagaa galuu!

Leave a comment