Bitootessa 08,2012
Ilmaan Oromoo garbummaa keessatti hambisuuf tattaaffii mootummaan Wayyaanee godhe keessaa inni tokko lafa ilmaan Oromoo irraa fuudhuun maqaa investimentii jedhuun abbootii qabeenyaa habashaa fi biyyoottan alaatti kennuun qabeenya kuufachuu dha. Sabni Oromoo qe’ee isaanii irraa buqqa’an gaaffii isaaniif deebii yoommuu dhaban filannoo jabaa fudhachuu dirqaman.
Godina Shawaa bahaa Aanaa Ada’aa Kurruuftuu keessatti Hoteelli miliyoona guddaan ijaaramee KURRUUFTUU REZOOLT jedhamu lammiin Oromoo bakka bashannana kanaaa seenuuf illee kan balfatamaa turanii fi yoo seenanis kaffaltii guddaa itti gaafatama turn, Gaafa Bitootessa 05,2012 guutummaa guutuutti barbadaa’e.
Manni maqaa investeriin ijaarame kun ilmaan Oromoo keessatti bara hedduu quuqama uumuun irraan darbee abbaan qabeenyaa kanaa Lammii Habashaa Amaara kan tahe Taadiwoos kan jedhamu yeroo tahu bakkeewwan hedduutti mootummaa waliin hidhata uumuun saba Oromoo lafa irraa buqqisuuf tattaaffiin inni godhee fi tattaaffii inni gochaa jiru baay’ee gaddisiisaa ta’uu isaatiini.
Manni Abbaa qabeenyaa kanaa lammiiwwan alaa biyyattii keessatti lafa ilmaan Oromoo akka saamaniif haala mijataa kan uumee yeroo ammaa kana investrootaa fi keessummoota alaatti gufuun kan uumame dha. Haaluma kanaan abbaan qabeenyaa kanaa jibbiinsaa fi soda ummata Oromoo irraan qabu muldhifachuuf jecha qabeenya kiyya kan gubu Oromoota malee kan biraa miti jechuun mootummaa Wayyaanee waliin olii fi gadi fiigaa dargaggoota oromoo naannoo sanaa barbaachisaa jira.
Abbaan qabeenyaa kanaa yeroo dheeraaf Amerikaa turuun maqaa investimentii jedhuun gara biyya Itoophiyaa seenee Finfinnee fi Bahir Dar keessatti namoota harka qalleeyyii lafa isaanii irraa arii’aa kan turee fi itti jiru tahuu qeerroon qorannoo godheen ifa godhee jira.
Walumaa galatti maqaa investimentii jedhuun abbootiin qabeenyaa ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisaa jirtanii fi Biyya alaa taa’uun namoota harka qalleeyyii qe’ee irraa buqqisuuf karoorfattaniif tarkaanfiin akkasii akka isaan eeggatu haala amma Oromoon itti jiru irraa tilmaamuun nama hin rakku.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Karaan gara bilisummaatti saffisaan nu deemsisuu danda’u inni tokko lafa oromoo maqaa investimeentiitiin saamame gadlakkisiisuu dha. kana gochuufis qabeenya investeroota kanaa ittifufinsaan barbadeessuu dha. Kunis kisaaraa fi abdii kutannaa waan ittifiduuf akka gadlakkisanii adeeman gochuu dandaa’a. Wareegamni kana gochuuf nama gaafatus guddaa miti.
ar’a wantan kajeela ture onnee koo irra buuftan.kana odoon lubbuun jiruu dhagahuun koo .fayyuufaan deema akkam? Waljala buuftu moo akkam? Injifannoon kan qeerroo oromo ti. Ayyaanni waaqayyoo isin walin haa jiraatu! Jabaadha!
Shakii hinqabu rabiin wajin nimlkona qobson itifufa gabruman nikufa
NO……NO…..NO. Surrender itti fuffi qabissso haaqa kan bilisummaa. We are all happy on Qeerros action in side of oromia. Burn baby yoo see intanee ibbida itti qabissisi.
These are the kinds of actions that should have been taken to protect the helpless people of Oromia. We have no government that stands for our interest. Resistance in all forms is a must and it must be all-inclusive. We will stand with our people.
We should also locate this guy in US. He should know that investment in Oromia at a time when Woyane regime has effectively declared war on the Oromo people is a crime by itself. Take out collaborators with out any condition.