Yadannoon Barataa Wandimmuu Daammanaa Goota FDG irratti Wareegamee Guyyaa Har’aa Geedotti Kabajame

Bitootessa 06,2012

Baatii darbe Godina Shawaa lixaa Mana barumsaa Geedoo sadarkaa Lammaffaa keessatti lukkeewwan Wayyaaneetiin FDG keessatti kan ajjeefame Barataa Oromoo Wandimmuu Daammanaaf mana barumsaa Geedoo keessatti barattootni oromoo yaadannoo gochaa jiru.Guyyaa ilmi oromoo itti wareegamettis barnoota hin deemnu jechuun sabboontotni oromoo mana barumsaa irraa hafanii jiru.

Haaluma Wal fakkaatuun Godina Shawaa lixaa aanaa Midaaqeny bakka dhalootaa Sabboonaa Oromoo Wandimmuu Daammanaa kan tahetti barattootni oromoo guutummaan guutuutti yaadannoo gochuun manni barumsaa sadarkaa lammaffaa midaaqeny cufamee jira.Jaleewwan wayyaanee barnoota barachuuf dhaqanis sabboontota barsiisota Oromoon ‘’kan keessan qofaattii?’’ jedhamuun qaaniin deebanii jiru.

Qeerroon Oromoo yaadannoo barataa kanaaf Guyyaa kaleessaa irraa jalqabee manneen barnootaa aanaa Midaaqeny,Geedoo fi bakkeewwan birootti waraqaa yaadannoo raabsuu fi maxxansuun goota Barataa Wandimmuu Daammanaaf yaadannoon akka tahu godhee jira.Gootota keenya guyyaa guyyaan ni yaadanna jechuun Waraqaa waamichaa ilmaan oromoof raabsuu irratti argamu.

Bakkeewwan biroottis ilmaan keenya harka diinaatti wareegaman akka yaadannu jechuun dhaamsa jabeessinee dabarfanna.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Yadannoon Barataa Wandimmuu Daammanaa Goota FDG irratti Wareegamee Guyyaa Har’aa Geedotti Kabajame

  1. Jaalla keenyaa limmi tiyyaa Oromoo qabsoon goota nyaati beeka kun aada qabsootti!jaallan qabsoo irratti warreegaman gumaa isaan bilisummaadha.j/wandimuun lubbuun darbus seenaan hin darbuu! Lammii ka’a lafa!libiyaa fi soriyaan fakeenyaa nu ha tatuu.

Leave a comment