Diddaan Qeerroo Bilisummaa daran hammaachuu irraan barsiisaan Political science University Dirree Daawaa fi barattoonni kaan Hidhaman.

Bitootessa 06,2012 Finfinnee

Barsiisaa Milkeessaa MiidhaqsaaUniversity Dirree Daawaa keessatti barsiisaa Political science kan tahee fi barattoota Oromoo biratti jaallatamaa kan ta’e Bar, Milkeessaa Miidhagsaan mootummaa Wayyaanee biratti yeroo adda addaatti ABO dha jechuun shakkamuun hidhaa turee gadhiifamuun beekama.Haala kanaan barattooti Oromoo naatoo fi jalala kan qabaniif barsiisaa Milkeessaa Midhagsaa, gaaffii Qeerroo Bilisummaaf kan barattoota kakaasu si ta’a jechuun shakkanii mana hidhaa Ma’ikalaawwii geessuun qeerroon gabaasa.

Kanuma waliin wal qabatee barattootni Oromoo mootummaa Wayyaaneedhaan ukkaamsamuun itti fufee jira.Mootummaan abbaa irree wayyaanee diddaa qeerroo irraa itti jabaate jala dhaabbachuuf jecha.Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti barattootni Oromoo mana hidhaatii bahan barumsatti akka hin deebine galmee diduun rakkisuu irra darbee Barataa Waaqjiraa Guutamaa Kitilaa Barataa Agricultural Engineering waggaa 2ffaa tahe doormiidhaa qabanii ukkaamsuun bakka buuteen isaa dhabamee jira.Yeroo ammaa kana warri barataa Waaqjiraa Guutamaa ilmoo isaanii barbaacha irratti hedduu dadhabaa kan jiran yoommuu tahu bakka buutee isaa dhabanii mootummaa fi bakka itti iyyatan dhabuun dararamaa jiru.Barataa Waaqjiraa Guutamaa

Barataa  Magarsaa Waaqjiraa

Barataa Magarsaa Waaqjiraa

Torbaan darbe baaatii Gurraandhala 2012 keessa barataa Magarsaa Waaqjira jedhamu akkasuma mooraa Univrsity Hawaasaa keessaa sochii qeerroo waliin walitti hidhuun bakka buuteen isaa dhabamee yeroo ammaa kana akka mana hidhaa Ma’ikalaawwii jiru beekamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment