(Qeerroo, Finfinnee, 3 Bitootessa 2012) Wallisaa Oromoo, beekamaa fi jaalatamaa kan ta’e, Hirphaa Gaanfuree wallee haaraa Warraaqsa Bilisummaa fi Dimokiraasii Darggaggoota Oromoo, (Qeerroo),jajabeessuu fi leellisu qopheessuun gumaata godhee jira.
Wallisaa Hirphaan walluu kana keessatti jabinaa fi murannoo qabsoof qabu kan mirkaneesse caalayyuu, ilmaan Oromoo sababa roorroo fi qabsootiin addaan faffaca’an otuu abdii hin kutatiin jabaatanii qabsaa’uun gara injifannootti ce;uu akka danda’an dhaamee jira.
Wallee haarawaa kana keessattis qabsoon obsaa fi kutannoo kan barbaadu ta’uu kan hubachiise Wallisaa Hirphaa Gaanfuree, “Obsa gaafataa, hin ariifatiin qabsooni,” jechuun gorsa guddaa nuuf dabarse jira!
Qeerroon Bilisummaas gama keenyaan, sabboonaa Oromoo kan ta’e Hirphaa Gaanfureef galata guddaa dhiyeessaa, yeroo qabsoon Oromoo karaa hundaan birmannaa fi jabina babarbaadu kanatti gumaata olaanaa, kan galaa qabsaa’otaa ta’e kanaan nu dhaqqabuu keetiif Galatni kee BILISUMMAA haa ta’u! jenna!
Amma illee hidhannoo keenya karaa hundaan jabeeffanneen, diina keenya haga jilbeeffachiifnutti qabsooroga maraa finiinsuu irraa kan hin deebine ta’us Qeerroon dabalee hubachiisa!!
Jallii saboonaa hirphaa gaanfuree galatii kankee bilisummaa sabaa Oromoo ha ta’u jedhaa.
Hirphaa Oromoo, oolii buli , ija irraa hafi. Oromiyaan ni bilisoomti!
Qeerroo Oromoo waliin dhaabbatnee tumsa qabsoo keenyaa haa taanu! ABOn kallacha Qabsoo Oromoo ti!
IUOf
artisti Hirpha Ganfureef artistoon oromoo hunduu nuuf jiradha qamaafi wolitaajii bilisuumaa irrattiI rabbiin waliI nuu hargisiisu bilisuuma kadha waqqaa qofaan akka hin dhufne oromoon hunduu yaa beekuu. bilisuuman ummata romoottiif