Diddaan Qeerroo Mootummaa Wayyaanee Raasaa Jiru Itti Fufuun,Alaabaan Oromoo(ABO) Magaalota Oromiyaa Keessa Balali’u irratti Wareega Kafalaa Jiru.

Bitootessa 2,2012 Amboo

Qeerroon Oromoo magaalota Oromiyaa fi manneen barnootaa keessatti Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo fannisuun gootummaa mirkaneessaa jira. Haala kanaan magaala Amboo keessatti dabballoota Wayyaanee alaabaa ABO manneen barnootaa fi bakkoota buufata ummataa gurgurddaatti fannifaman fuudhuuf garuun yeroo bobba’anitti gootonni barattooti Oromoo fi ummanni Oromoo magaalcihaa alaabaa fannifamee jiru kana hin buuftu,eenyummaa keenya dhiigaan dhufe ni tikfanna jechuun waraana Wayyaaneetti dhagaa darbachuun ittisa guddaa gochaa ture,haalli kun kan itti hammaate mootummaan Wayyaanee human waraana Agaazii jedhamu meeshaa gurguddaa hidhatanii halkan naannoolee alaabaan fannifame weeraranii jiru.

Kana malees alaabaa ABO magaalaa Geedoo keessatti fannifame hin bu’u jechuun barattooti dhagaa darbachuun waraan Wayyaanee yeroo irraa deebisuun wareega gurddaa irratti baasaa akka jiran qeerroon magaalaa Geedoo gabaasa.Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO durfamu keessatti qeerroon adda durummaan dirqama bahaa kan jiruu fi fuuldura bahuuf qophaa’aa tahuun mikana jedhu dargaggoonni magaalicha.

Karaa biraa sochii ykn warraaqsa ummanni Oromoo addatti ammo dargaggoonni Oromoo yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti deemsisaa  jiru tasgabbeessuuf mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkachaa jiran mana hidhaatti guuruu jalqabee jira.Waraanni mootummaa kanaas bakkeewwan maratti faca’uun dhala namaa akka horii eegaa jira.Humni waraanaa fi poolisa  Wayyaanee haala kana irraa diddaa ummataa tasgabbeessuu sababa jedhuun hirriba dhabaa jira. Naannoolee  Finfinnee,Amboo,Gudar,Xiqur Incinnii keessatti uummata hunda irraa amantii dhabuun human waraanaan diddaa kan dhaamsu itti fakkaachuun bakka sanitti guuraa jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Diddaan Qeerroo Mootummaa Wayyaanee Raasaa Jiru Itti Fufuun,Alaabaan Oromoo(ABO) Magaalota Oromiyaa Keessa Balali’u irratti Wareega Kafalaa Jiru.

  1. Waaqayyo humna nuuf haakennu.
    Injifannoo ummata oromoof! Oromia shall be free;enything less we dont agree! Qabsaa’aan kufus qabsoon hinkufu!

Leave a comment