Omishi Shukkaaraa Godina Ilu Abbaa Booraatti Argamu Yeroo Lammaffaaf Barbadaaye.

Gurraandhala 16,2012 Beddallee

Omishi Shankoraa qabiyyeen isaa kan dureessa Pakisatanii tahee maqaa AL-ABESH jedhamuun yaamamu yeroo lammaffaaf barbadaaye.

Tarkaanfii human hin beekamneen fudhatameen marraa kana lafa hektaara 40 ol tahu irraa gaafa Gurraandhala 14,2012 galgala guutummaatti barbadayee buluu qeerroon gabbaasa. Akka ummanni naannoo sanii fi kanneen qabeenya irraa buqa’an jedhanitti yoo tahe,gama fuula duraatti hammeenyi ummata Oromoo irratti tahuu hanga dhaabbatuu fi qabeenyi Oromiyaa gurguramuu irraa hamma dhaabbatutti Oromiyaa golee hunda keessatti qabeenya samame irratti tarkaanfiin fakkaataa akka itti fufuuf deemu dubbatu.

Gama biraan haala kana irraa kan ka’e Poolisiin naannoo Oromiyaa ofiin jedhan tarkaanfii hidhaa fi reebichaa ummata naannoo omishichaa jiran irratti deemsisaa jiraachuu Qeerroon magaala Baddallee irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

5 thoughts on “Omishi Shukkaaraa Godina Ilu Abbaa Booraatti Argamu Yeroo Lammaffaaf Barbadaaye.

  1. IBSA MISEENSOOTA WBO FI MISEENSOOTA GAMEEYYII ABO
    Kaayoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ganuuf Sagantaa Siyaasaa ABO Jijjiiruuf Yaaluun seenaa ganuu waan ta’eef Jabeessine Dura Dhaabbannaa.

    Kaayoon Ummata Oromootif Qabsoon Bilisummaa Oromoo Hoogganummaa ABOn Geggeefamaa turte Gantootaaf ayaan laallatootan hinjijjiiramtu.

    Ummatii Oromoo erga harqoota bittaa gabrummaa habashaa jalattii kufee kaasee guyyaa tokkoof illee mataa gad qabatee gabrummaa nafxanyaa habashaa fudhatee jalattii bule hinbeeku. Yeroo adda addaattii, naannoo gara gaaratti, bifa adda addaatin finciluun diddaa mootummaa gabroonfataaf qabu muli’saa akka ture beekamaadha. Fakkeenyaaf fincila diddaa gabrummaa Oromoota Baalee, Raayaa, Daawwee, Karrayyuu, Soochi Oromooota Afran Qalloo, Maccaaf Tulama, Harma Muraaf Harka Muraa Aanooleef, Caliin Calnqoo, Sabboontootaf Qabsaawoota Oromoo akkasuma ummata Oromoo biratti yoomuu hin dagatamuu yaadatamaadha.

    Finciloota diddaa gabrummaa Sabboonotiin Oromoo bifa faffaca,een geggeessan kana sadarkaa qindoomina qabuuf bifa jaarmiyaatin Oromoota hunda hirmaachisutti guddatuun bara 1973 Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Ijaarame, Sagantaa Siyaasaa ABO Biyyaa Oromiyaa Walaba taatee ijaaruun kaayoo bilisummaa Oromoo, qabsoo bifa hundaan itti fufee. ABOn kora sabaa bara 1989, 1998, fi 2004 taasiseen hunde sagantaa siyaasaa ABO, heeraf seera osoo hinjijjiirn wayoomina godhuun ifaadhaa.

    Nuti Miseensooti WBO , miseensotni gameyyifii Miseensooti Gumii Sabaa fi Qondaalooti Sadarkaa adda addaa Dhaaba keenna ABO keessattii Qooda Sadarkaa ol aanuu keenna turree ammas keenna jirru Sagantaa Siyaasaa ABO hundeen faala’aa jiru cali’ifnee hin laallu ; Kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo jijjiiru fi wayyeessu kan dandayu Kora Sabaa qofaa akka ta,ee aamanna. Akka kanaan Yaalii Maqaa ABO moggaafatanii Sagantaa Siyaasaa ABO jijjiirre jedhani Ummata Oromoo Afaanfaajjeessun diina milkeessuuf hojjatan dura dhaabbanna. Dhuma irrattii Humnoota Milkii kaayoo Qabsoo Bilisummaa Oromootiif hojjatan waliin dhaabbatuuniis Bilisummaa Oromoo kan gootooti kumootaan lakkaawaman irrattii waregaman galmaan gahuuf nihojjannaa.

    J/Abbaa Nagaa Jaarraa: MGS ABO
    J/Dachaas Roobaa: MGS ABO
    J/Abbiyyuu Sammuu: MGS ABO
    J/Jamaal Midhagaa: Leenjiisa Qondaaloota WBO
    J/Amansiis Waayyuu: Ajajaa WBO KIBBA BAHAA
    J/Abdataa Dhaabaa: MGS ABO ajajaa WBO duraani
    J/Dheereessa Roobaa: WBO
    J/Bakkalcha Subii Gaafatama Jaarmayaa ABOII BAREESSAA KUTAA KANADA
    J/Falmataa Gadaa; WBO
    J/Ahmad Sayyoo: dura Taa,aa ABO Kutaa kanada
    J/Jewar Adem: (Gubaay) Dabballee
    J/Usman Dura taa’aa Konyaa SD
    J/H/Adem Moonguddo
    J/Abdii Turaa: Dur taa’aa Konyaa Vegas
    J/Qeerranso Abdiisaa: Qondaala WBOfi Jaarmaya Biyyaa olla
    J/Mahammad Abbayya: Dabballee WBO
    J/Guutamaa Abaa Guutaa Abbaa G: WBO
    J/Alii Balloo Gaafatamaa Beeksisa Kutaa Kanadaa
    J/Abdulziiz Abduqaadir Dura taa’aa Konyaa si’aatif qondaala
    J/Getaachoo Shufii qondaala
    J/Qananiisaa Waabee MGS
    J/Duulaa Bosonaa MGS
    J/Yaadachiis Seenaa WBO
    J/Itichaa (Jamal) WBO
    J Worquu Badhaadhaa Miseensa koonyaa si’atilf Barressaa koonyaa
    J/Zakariyaa Hasan miseensa koonyaa minsootaa
    J/Odaa Robaa Miseensa WBO
    J/Asrar Walloo -miseensa
    J/Burqaa Eerar -miseensa
    J/Ogatoo Galatoo- dabballe ABO
    J/Iftuu Dhaabaa -Miseensota WBO
    J/Caaltuu Woyyi
    J/Blisummaa Ogatoo
    J/Tujii Burqaa
    J/ SHeek/Abdurqador Tufa dabballe ABO
    J/Gadaa Oromoo
    Jaallan Miseensoota WBO biyyaa keessaaf biyyaa olla faffaca,ani jiran
    Jaallan Maadheelee ABO adda addaa kan biyya keessa jiran, dabalata

    Injifatnoo Ummata Oromoo!

  2. Jaallan kun ijjannoo nama oromoo fi kaayyoo bilisummaaf dhimmamee ti fakkaatan . Akka ibsa kanarraa dubifamutti. Haa tahuu ammoo eenyu faadha isaan kun? dhuguma kaayyoo kanaaf dhaabbataniiti moo fakkeeysaa dha? arra namni isaan kanaaf sobamu kan jiru hin sehu. Maaliif warra kaayyoo kana lafatti miilan irra deeme waan tahanif. Warra heeraa fi seera dhaaba kana irraan tarkaanfate bu’aa fi angoo barbada dhaaba kana diiguf tattaafate waan tahanif. Kanaaf warra tokkummaa oromoo sharafeetu isaan kana. hin goone jechuu hin dandahan. Waan durii miti waan kaleeysa dalagan kan arraas ittuma jiran. Boruus dalaguuf karoora baafatanii waan jiraniif jecha. Oromoon gocha isaani kana ni beekan waan taheef . Nama soban haa bar-baaddatani. Galatooma! I.U.Of!

Leave a comment