Gurraandhala 16,2012
Gootonni barattooti Oromoo Xiqur-Incinnii sochii fincila diddaa gabrummaa eegalaniin Gurraandhala 14 fi 15,2012 guutummaatti itti oolanii jiru.Barattooti kunnin gaaffii mootummaa Wayyaanee irratti kaasan ummata keessatti baba’atee hamma waajjiraalee bulchiinsaa fi Poolisaa deemuun gaaffiilee armaa gadii dhiheessanii jiru.
- Gaaffiin mirgaa kan barattootii fi qotee bulaan kaase hatattamaan deebii haa argatu.
- Tarkaanfiin Barattoota Oromoo irratti fudhatamaa jiru ammaa irraa qabee haadhabbatu.
- Addatti ummata Oromoo fi dargaggoota Oromoo mootummaan Wayyaanee targeetii godhachuun hafee gara gaaffii haqaa furuutti of haadeebisu. Kan jedhuu fi kkf ture.
Haalleen kun jajjabaachaa deemuun manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi ummata qotee bulaa keessatti heddumminaan gaaffiin deemaa jiraachuu qeerroon gabaasa.