DHAAMSA QABSAAWAA KAAYYOO

Qabsaawaa Kaayyoo

Qabsaawaa Kaayyoo

Duraan dursee,nagaan koo kan Oromummaa golee jirtan maraatti isin haa qaqqabduun jedha.Harree osoo ba’aa baatee dheeduu malee,akka hidhii xuuxaa,imimmaan keessan haxaawwachaa,guyyaa kolonitti goolaba gochuuf,gidiraa diinaatiin hiraartan,yaadnii fi qalbiin koo isiin waliin rarra’aa jiraachuu akka naaf beektan dhaammadha.Nagaaf waaraan ,biyya kenyaaf saba keenya keessatti erga dhibee akkuma tokko tokkoon keenya beeknu baroota hedduu jaarraatti lakkaa’amu dabarsuun waan haaraa nuuf hin tahu.Wadaroo diinaatiin sakaalamne,waaroo gabrumman haguugamne,biyya abbaa keenya irratti alagaa saba bicuun to’atamne jirenya gaaffi jala jirtu jiraachaa akka jirru waan wal nuu gaafachisuu miti.Egaa guyyaa sirma gita bittuu Habashaatiin cabnee kaasee hanga har’atti of duuba millannee yoo laallee waan hin taanee fi waan hin dhabne hin qabnu.Kanaaf harma muraan fi harka muuraan godaannisa sammuu keenya keessatti yoomu nutti dhagahamu dha.Har’as habashoonni hidda walii lakkaa’achuun gochuuma kaleesa eessumman isaanii nurratti raawwatanii biyyoo cininan deebisanii lubbuu itti horuuf abjuu hin hikamne abjoochaa jiraachuu isaaniitu mullata.Akkuma kaleessa irraa mul’ataa ture nafxanyoonni guyyaa nu cabsanii kaasanii maqaa nu fakkaannee nutti dhoobuun akka nuti qabsoo mirga keenyaaf hin gone qor-qalbii nu hatuuf dhama’aa as gahan. Qabeenya keenya socho’uu dandahu saamuun ,kaan ibiddaan barbadeessaa egeree Oromiyaan ilmaan isheef qabdu maseensuun akka ilmaan Oromoo eeggatummaaf saaxil bahan godhaa jiraachuu isaanii waan har’a midiyaan addunyaa wal harkaa fudhee balballoomsaa jiru dha. DHAAMSA QABSAAWAA KAAYYOO

Leave a comment