Gurraandhala 13,2012 Jimmaa
Gootonnii baratoota Oromoo University Jimmaa jilmaan manahHidhaatti guuramaa jiraachuu qeerroo gabaasa, kanneen keessaatti baratootni dubaaraa sadii kanneen maqaan isaani
- Baratuu Keetiim Efireem dipartimentii Afaan Oromoo waggaa 2ffaa,
- Barattuu Dinqineesh ,dipaartiimentii Fokileerii Afaan Oromoo waggaa 1ffaa
- Dinqee kanneen jedhaman Afaan Oromoo wagga 1ffaa kan barattuu
Akkasumsan baratootnni 30 ol mana eda Gurraandhala 12,2012 mana dhihaatti darbamanii jiru.
Kanuma waliin gabaasi Qeerroo akka addeessu, hogganootiin OPDO godina Jimmaa jiran guyyaa kaleessaa walgahii hatattamaa miseensota isaanii barattoota tahaaniif gochuun waliigaltee tokkoon malee adda faca’an. Barattooti Oromoo tahanii miseensummaa OPDO fudhatan gaaffiin barattoota Oromoo gaaffii sirrii waan taheef mooraa keessatti barannu keessatti Wayyaanee deggeruun Oromummaa mormuun kan nu hin baafne jechuun waca kaasanii walgahicha bittinsuun isaanii gabaasa qeerroo irraa ifa godha.
Gama kaaniin waraqaan waamicha qabsoo magaalota Oromiyaa gurguddoo fi hanga baadiyyaaleetti bal’inaan faca’aa jiraachuu ibsame. University leen biyya san keessa jiranitti guyyuu kan raabsamaa jiruu fi bakkoota Wayyaaneen jala deemtee buqisaa jirtu irrattis gootonni barattooti deebisanii maxxansaa akka jiran qeerroon ifa godhee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!