(Qeerroo, Finfinnee, 12 Guraandhala 2012) Gurraandhala 11,2012 irraa eegalee mooraa Yuniversitii Jimmaa keessatti fincilli barattootaa kan diddaa barattootaa fi gaaffii dargaggoota Oromoowaliin wal qabate ka’uu isaatiin barattooti hidhamaa jiraachuun gabaasame.
Fincila kana dhaabuuf humnooti poolisa Federaalaa fi humni tika mootummaa Wayyaanee mooraa keessa guutu illee barattooti diddaa isaanii finiinsaa oolanii jiru.
Dhimma kana irratti barataan tokko gabaasaa Qeerroof yoo ibsu, ”kan arrabsamu Oroomoo dha; kan hidhaamu Oromoo dha; kan barnoota irraa arii’amuu Oromoo dha; kan ajjeefamuu Oromoo dha; kan biyyaa itti dhalate keessatti mirga lubbuun jiraachuu dhabee arii’amuu Oromoo dha; kan qe’ee irraa buqa’uu fi lafti irraa fudhatamee faranjiif kennaamuu Oromoodha; hubaadhaa! Yakkoota hiriiyaa hin qabne, kan addunyaa biyyaa lafaa kanaarratti ta’ee hin beeknetu nurraatti raawatamaa jira,” jechuun roorroo isaan kakaase hubachiisee jira.
Dhimma fincila Qeerroo Bilisummaa kana irratti raadiyoon hawaasa Oromoo kan magaalaa Melbourne keessaa tamsaasamu oduu dabarsee fi gaaffii fi deebii barattoota yunivarsitii Jimmaa waliin taasise, tumsi Qeerroo Bilisummaa biyya alaa akka armaan gadiitti qindeessee nuuf ergee jira.
Gaffin ilmmaan Oromo chuftinuu tokoo, kanaafuu Oromon hundinuu wallin akanuu