Gabaasa Qeerroo Gurraandhala 10,2012
Godina Shawaa Lixaa magaala Kaachisee keessatti barsiisotni mana Barumsaa kaachisee diddaa kaasan, gaaffiin keenya hamma deebii argatutti hojii barsiisummaa keenyaas dhaabnee jirra jedhu. Hamma ammaatti barsiisoni magaalaa kaachis gaaffiin diddaa kanaaf isaan kakaase keessaa kanneen
- Barattoota Oromoo osoo barsiisaa jirruu poolisi mootummaa akka barbaade qabee hidha kun dhaabbachuu qaba
- Maqaa investerummaan dachiin Oromoo gurguramee dhumaa jira,ummannis sababa kaan hiyyummaa gale waan taheef gochaan kun hiikkaa siyaasaa argachuu qaba.
- Maqaa hidha Abbayyaan miindaan nurraa cituu haa dhaabbatu, Kan duraas nuuf haa deebi’u
- Gaaffiin barattoota Oromoo gaafatan gaaffii haqaa waan taheef dhagahamuu qaba.Jedhuun hanga deebiin kanaa argamutti hojii baruu fi barsiisuu irratti akka hin hirmaanne murteeffachuun barsiisummaa dhaaban.
Gaaffii barsiisota Oromoo kana ummanni magaalaa Kaachisii fi barattooti Oromoo naannoo sanaa guutummaatti degeranii waan jiraniif bilchitooti kana sodaachuu irraan human waraanaa dabalataa yaamachuun magaala san keessa rurruqamanii akka jiran Qeerroon gabaasa.
Kana malees magaaluma kana tti Qeerroon Oromoo qabeenyi ilmaan Oromoo bara baraan maqaa Misoomaaan funaanamuunii fi Gibirri Jabaan qotee bultootaa fi daldaltoota keenya irraa haa dhaabbatu jechuun Walgahii Biiroo Barnootaan waamame fashaleessanii jiru.Barattootni Mana Barumsaa kanaas Gaaffiin barsiisota keenyaa gaaffii keenya jechuun barnoota addaan kutanii jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabe galmaan gahuun dirqama keenya jechuun Qeerroon Oromiyaa Mootummaa Garboomfataa Wayyaaneetti yaaddoo guddaa uumee jiraaachuun beekama. Diddaa Kana dhaamsuuf wayyaaneen halkanii fi Guyyaa kurkuraa haajiraatu malee itti milkaayuu akka hin dandeenye ummanni dubbata.