Omishi Shukkaara Paakstaanotaa Kan Oromiya, Baddallee Jiru Guutummaatti Barbadaaye.

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Baddallee Gur-dh 10,2012

Omishi Shonkoraa Ilubaaboraa,Aanaa Baddallee Alabaash ganda jedhamutti argamu humna hin beekamiin guutummaatti barbadaayee jiraachuu qeerroon magaalaa Baddallee irraa gabaasa.

Lafti Omishi kun irratti dhaabbate ummata Oromoo 1200 tahan naannoo san qotatee jiraataa ture irraa buqisuun bakka galmaa dhabsiisee yeroo tahu baatiilee darban kana keessa sabaa kanaan ummanni diddaa isaa irra deddeebi’ee yeroo dhageessisu mootummaan yoo barbaaddan abbootii qabeenyaa omishichaaf hojjedhaa jiraadha malee lafa san irratti deebitanii qotachuu fi jiraachuu hin dandeessan jechuun rakkisaa akka ture beekamaa dha. Haalli kun hammaataa deemuu irraan Gurraandhala 08,2012 lafa heektaara 15,000 kan tahu mishi shukkaaraa qabeenyummana isaa kan abbaa qabeenyaa Pakstaanii tahe guutummaa guutuutti barbadaayee jira.

Haala kanaan wal qabachuun mootummaan Wayyaanee humna waraanaa erguun ummata naannoo sanii heddumminaan hidhaa akka jiru gaabsi qeerroo Baddallee irraa nu gahe addeessa.

Haala rakkoo fi gidiraan ummata Oromoo irra gahaa jiru ummanni kun tokkummaan ka’ee roorroo akka of irraa ittisu taasisaa waan jiruuf Oromoon qabeenya isaa fi lafa isaa irra jiraachuuf waldhaansoon inni godhu itti fufa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

 

1 thought on “Omishi Shukkaara Paakstaanotaa Kan Oromiya, Baddallee Jiru Guutummaatti Barbadaaye.

  1. qeerroo jabadhu hawwii sabaa kenya akkaa bakkaan geenyuu tokkummaa kenya yoomiyyuu caala haa cimssannuu nuus warrii diaspora jirru walluuman jirraa abdii akka hinkutannee Badhaane Canadarraa

Leave a comment