Gurraandhala 09,2012
Godina Wallaagaa Bahaatti Bulchitotaa Onotaa akka Haroo Limmuu,Limmuu Galiilaa, Kiiramuu,Giddaa Ayyaanaa,Heebantuu,Diggaa Saasiggaa, JaarDagaa Jaartee, fi Hammuruutti bulchiitoota luukkeelee Wayyaanee kanneen OPDO tahan aangooo bulchiinsaa Onaa irraa turan irraa sababaa Isiin Uummaataa nuf qabuu hin dandeenyee, diinaaf odeeffaannoo kennituu jechuun OPDO taa kana aangoo irraa arii’achuu fi kanneen amanamoo tahan biroon bakka buusuuf jecha Wayyaaneen qophii barbaachiisu gochaa kan jirtuu xummurtee jiraachuun beekame. Gamaagamaa fi walgahii qondaaloti Tigiree bulchiisa Oromiyaa keessaa magaalaa Naqamteetti Gurraadhana 2012 godhan keessatti Qondaalota OPDO heddumminaan arihachuuf akka jiran murtee dabarsuun beekamee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!