Shakkamaan Eenyuu?? Kan jedhuun Ummata Jeequuf Karoorfachuun Wayyaanee Saaxilame

Gabaasa Qeerroo Adaamaa, Gurraandhala 08,2012

Hojjettootni Mootummaa Wayyaanee walgahiin kurkurfamaa jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabe hundeen buqqisuuf mootummaan Wayyaanee fala dha’aa jiru keessaa tokko maqaa Shakkamaan eenyu? jedhuun uummatni akka wal saaxilu gochuu dha jechuun murteeffachuunii fi akka imaamata tikaatti Oromiyaa guutuu keessatti irratti hojjechuuf karoorfachuun saaxilame.

Guyyaa Guraandha 6,2012 amanamtootni mootummaa murtee kana gara naannooleetti raabsuuf murtee irra ga’uu iccitiin isaan keessaa ba’e saaxilee jira.Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf tooftaan inni fayyadamu keessaa tokko uummata wal nyaachisuu waan ta’eef ilmaan Oromoo tooftaa diinaa kana baratanii Shakkamaan Garboomfataa dha jechuun akka jala dhaabbattan dhaamsa fardii ummata Oromiyaa guutuuf dabarsuun dirqii dha.

Ammaan dura maqa shororkeessituu jechuun ummata keenya afaan faajjessaa fi goolaa ture,ammos tooftaan siyaasaa sun harkaa dhumnaan jecha shakkamaan eenyu jedhu mata duree godhatee Oromoota wal shakkisiisuuf yaalii inni godhaa jiru mootummaa kana kufaatii irraa akka isa hin hambiftne beekamaa dha. Ummanni Oromoo yoomuu caalaa dammaqaa fi kan tokkummaa isaa jabeessu hunda irratti walii galuu fi waliin hojjechuutti qophii dha,nagaa fi tokkummaa Oromootaa booressuuf Wayyaaneen keessaa fi alatti tattaaffii gootu iyyuu akka hin milkoonfeef qabsaawoti hundi dura ni dhaabbatu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa

1 thought on “Shakkamaan Eenyuu?? Kan jedhuun Ummata Jeequuf Karoorfachuun Wayyaanee Saaxilame

  1. Jabaadha
    Nutis qamman biyya amba jirannus qalbi fi yaada keenya waan dandeenyu maran isin faana jirra. Imaammati wayyanoota haa dheeratu, haa shafisu, garu ni kufa. Kana mamin tokkolle mata keenya kessa seenu hin-qabu. Dhugadha, worabissi du,uf jedhe nama waan hilu hin-qabutii, mirgoota argannetii, fayyadama, mirgoota nu hafanifis dacha-dacha haa gummachinu’
    Gundo Boore irra

Leave a comment