Gabasaa Qeerroo Gurraan dhala 7,2012
Goototni barattoota mana baruumsaa Aanaa Gindabarat mana baruumsaa Sad. 2ffaa Culluxxee fi mana baruumsa sad. 1ffaa kaachis waraqaa waamichaa Warraaqsa labsamee halkan har’aa (Gurraandhala 6, 2012)
mooraa manneen baruumsaa lameen kanneeni fi magaalota lameen kanneen keessatti addabaabaayii ummataa hundatti alaabaa ABO waliin maxxansudhaan seenaa hojjatan. Waraqaan labsii kun ganama hanga sa’aatii 10:00 AM tti akkuma maxxanfameen turee sa’aa kana booda garuu bulchitoonni fi polisonni magaalee kanneenii ummata itti tuutta’ee dubbisaa ture irraa ari’udhaan ciranii guuraa turun gabaafame.
Karaa biraa har’a ganama poolisoonni magaalaa barattoota gara mana barnootaa deemaa turan “har’aa fi bor walga’ii ariifachiisan waan jiruuf” jechuun barattoota gara mana isaaniitti akka deebisanii fi manneen baruumsaa lameenis cufani jiru. Kanumaan walqabatee guyyuma kana gara sa’aatii 11:00AM tti waraanni fi poolisiin Federaalaa konkolaataa 10 ol ta’u magaalota kanneen qubachuu gabaafameera.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!