Gurraandhala 7,2012 Gindabarat
Diddaa miga eenyummaa siaaniif jecha barattooti Oromoo deemsisaa jiran dhaabuuf dabballootni Wayyaanee bobba’an barattootatti rasaasa dhukaasan.Diddaa Barattootaa Godina shawaa lixaa aanaa Gindabarat Mana Barumsaa sadarkaa Lammaffaa Culluxxeetti dabballootni Wayyaannee Nagaroo Baacaa fi Taarikuu jedhaman ergama isaanii ba’uuf jedha barattoota Oromoo irratti rasaasa dhukaasanis har’a diddaan jabaatee itti fufee manni barumsaa cufamee jira.
Ergamaan Wayyaanee Barsiisaa Taadduu Gaja’aa jedhamu barattoota fincila diddaa gabrummaa qindeessaniiru jechuun maqaa kennuun qabsiisaa jiraachuun isaas saaxilameera.Hanga ammaatti barattootni Oromoo jaha guyyaa hardhaa Guraandhala 07,2012 mana hidhaa Wayyaaneetti kan darbatan yoommuu ta’u isaan keessaa
1.Barataa Asmaraa Balaay
2.Barataa Tolasaa Addaamuu
3.Barataa Guutuu Soorii
keessatti argamu
Barsiisaa Taadduu Gaja’aa gocha ilmaan Oromoo irratti gochaa jiru kana irraa hin dhaabbatu taanaan barattooti Oromoo guutuun barnoota inni kennu fuula duratti akka irratti hin hirmaannee fi bakka argametti gumaan dargaggoota Oromoo akka bahutti waamicha waliif dabarsaa ooluun gabaasi qeerroo nu gahe addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!