Gabaasa Qeerroo Anaana Gincii Gur-dhala 5,201
Godina Shawaa lixaa Aaanaa Gincii keessatti kan argamu Bosonni Cillimoo baay’ee ciramuu irratti argama.Mootummaan Wayyaanee qabeenya uumamaa Oromiyaa gurguruu fi faaluun kan beekamu buufata 13 bosona Cillimoo keessatti qubachiisuun baay’ee ciruu fi mancaasuu irratti xiyyeeffatee hojjetaa jira.Hongeen biyyattii keessatti akka babal’atu gochuun ilmaan Oromoo harka kadhaatti hambisuuf kan murteeffate bosona Oromiyaa waggootaa dheeraaf jiraatan naatoo tokkoon malee ciruu fi gubuutti argamu.
Sababni Bosonni kun ittiin ciramu keessaa tokko Dahoo Waraana Bilisummaa Oromooti juechuun ummata naannoo san jiru afaan fajjeessaa fi goyyomsaa akka jiran beekama .Ilmaan Oromoo qabeenya uumamaa isaa irratti falma akka jabeessuu fi Qotee bultoonni naannoo kanaa irra deddeebbiin gaafatanis doorsisamuu isaanii dhaga’amee jira.