Gabaasa Qeerroo Gurraandhala 5,2012
Maqaa Waldaa Misooma Oromiyaa jedhuun mootummaan Wayayanee ilmaan Oromoo irraa waan qaban akka kennan bara darbee jalqabee dirqisiisaa turuun isaa ni yaadatama.Maallaqni funaaname kun dhimma bulchinsa mootummaa wayyaaneef ooluu kan hubatan uummatni oromoo Aaanaa Gindabarat Maallaqa funaaname 500,000 bakka buutee dhabne jechuun yoommuu raadiyoo faanaatti iyyattan gaazexeessitootni yaada uummataa fuudhan qilleensa irra akka hin oolchine amanamtootni mootummaa kun gaaffii biyyaa waan ta’eef akka qilleensa irra hin oollu iccitiin raadiyoo faanaa keessaa ba’e ifa godhee jira.Uummatni Ggaaffii kana gaafates irra deddeebbiin gaazexeessitoota faanaa cinqaa jiraachuun isaas beekkame.