Kanneen ‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’f Qabsoofna Ofiin Jedhan Dursa
Hiikaa Maqoota Kanaa Waliin Haa Araaraman!
Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’ jechuun maqoota gaggaarii dha. Maqootni
kabajamoo fi eebbifamoon kun garuu kanneen kaayyoo faallaa maqoota kanaa qabatanii sosso’an tokko tokkoon irra ejjetamanii yoo buruqfaman argaas, dhagahaas jirra.
Murnoota siyaasaa tokkummaa Itoophiyaa tiksuuf dhaabbanne ofiin jedhan keessaa tokko
tokko maqoota eebbifamoo kana of moggaasanii duula farra haqaa, farra bilisummaa fi
farra demokraasiitti bobba’aniiru. Kanneen akkasii kun, hawwiin isaanii gonkumaa waan
dhugoomuufii hin dandeenyeef jecha maqaa tokko qabatanii bara baraan laphee ummataa
keessatti ititanii jiraachuus hin danda’ani. Akkuma faranjoonni ‘An empty barrel makes
the most sound’ (Barmeelli duwwaan sagalee guddaa uuma) jedhan, ofumaaf arraba
dheeratu malee duubbeen isaanii duwwaa dha. Kun ammoo mallattoodhuma dhaabota
deeggarsa ummataa bal’aa of duubaa hin qabnee fi mirga ummatootaafis iddoo malu hin
kenninee ti.‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’