(Qeerroo, Naqamtee, Amajjii 30,2012) Amajjii 29,2012 Godina Wallaaggaa Baaha Onotaa garagaraatti uummannii FDG gegeessaa jiru itti fufuun, har’aas Onaa Haaroo Limmuu nannoo Bariisoo fi Sugee jedhamutti dargaggeessii Qeerroo Oromoo FDG garbummaa gaggeessan, milishotaa nannootiin hammaa yoomiitti ergamtuu taatee meesha diinaaf baata jechuun dura dhabbachuun gabaasame.
Qeerroon naannoo san keessaa akka gabaasetti, diddaa ummataa deemaa jiru kana dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee mana bartumsaa onoota san keessa jiran irra guddaa isaanii cufee jira.
Onotaa warraa kaan keessaatti ummaanni mana sagadaa Olee, waayyaaneen maqaa simisteraa 1ffaa xumurtanittuu kanaaf boqqonnaa torbee lama qabduu jechuun sochii jiruu sodaatte manneen barnoota cuftee jirti.
Kana malees, Amajjii 28,2012 irraa eegalee Godinuma Wallaaggaa Bahaa Onotaa hedduu keessaatti FDG itti fufee jira; hanga gabaasaan qindaayee nu gahe keessaa Onoota akka Heebantuu, Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Kiraamuu, Hammuuruu, JAARDAGAA JAARTEE, Hagamsaa bakkoota jedhamanitti diddaan dargaggootaa fi ummata Oromoon jalqabe jabinaan hammaatee itti fufee jira.
Finciloonni kunis bifaa Hojii dhaabuun, Gabaa lagachuun, waraqaa FDG facaasuun, dargaggeessi immoo sirboota qabsoo leellisan manneen barnootaa fi bakkoota yaa’ii ummataatti wallisuu,Wayyaanee balaalleffaachuun, fi kkf diddaan itti fufee jira.
Akka Qeerroon gqbqqsetti FDG bara kana kan addaa godhuu keessaa
1ffaa Uummaanni waranaa Wayyaanee sodaa tokko malee gaaffii gaafachuu isaa,
2ffaa waranaa meeshaa gurguddaa fe’aatee ummatatti dhukaasaa jiruu dhagaa itti darbachuu dhiisuun gaaffiin keenyaa maaliif karaa nagaa nu harkaa fuudhamee nuf hin debi’uu jechuun harka duwwaa dhugaa qabatee abbaa irree raasa jiraachuu,
3ffaa basastoota dhokatanii ummaata keessaa seenaanii basaasuu barbaadan qeerroon tarkanfii sirreessaa irraatti fudhachu, egereen FDG kanaa uummataaf abdii guddaa kenne jira.
Kana malees gabaasaaleen Mooraa Universitotaa fi koolleejjotaa Lixaa Oromiyaa Garagaraa Irraa nu gahaan akkaa ibsanitti Mooraan University Amboo,Mooraa University Wallaaggaa,Mooraan University Jimmaa, akkasuas koolleejjii barsisotaa Neqamtee fi Jimmaa dabalaatee humnotaa Waraanaa Wayyaaneen marfamanii eegamaa jiru.
Kanuma waliin yeroo ammaa kanatti konkolaatonni gaasii ijaa namaa gubuu faacaasanii fi meeshaan waraanaa gurguddaan galchaa akka jiranii fi ummataan dura dhabbannaan akka jiru gabaafameera.
Akka odeessi keessa wayyaanee Qeerroo dhaqqabe ibsutti, yeroo ammaa kana ergamtooti Wayyaaneen diddaa ummataa kanaan hedduu wajeeqaa kan jiran yoo ta’u, haala kanas sodaachiisuuf jechaa Wayyaaneen gara uumata shororkeessuutti akka ce’aa jirtu hubatamee jira.
Qabsoon itti fufa!Gabrummaan ni kufa!
wayaneen humnaan FDG ummata oromoo nan ukkaamsa jedhee yaaduun abjuu dha.kana irra mirga ummata oromoo nagaan bilisummaa fi gaaffii ummataa keessumsiisuun karaa isa filatamu dha.kanaaáchi waan hundi yeroo isaa eeggatee furmaata argata jechuunis fincilli ummata bara ammaa kanaa mootumootni africa dictateroonni dhaamsuu dadhabanii ufii isaanii daaraa taánii hafan.
keessummaa ani kan na ajaíibu OPD haala siyaasa adunyaa fi qabsoo orommoo hubachuu dhaabuun wayaneef hanga yoomiitti ergamtuu fi itti fayadamtuu wayanee akka taú naa hin galu.
kanaaf FDG ummata oromootti haala adda addaan makamuun fi lagachuun yeroon isaa amma dha.
nagaatti
GOOLEE
” get up! stand up! for your right” this is a test time for us all, I wonder what are the rest of Oromia regions are doing? if we all move together, we could overwhelm the system. Otherwise we give chance for the brutal government TO CONCENTRATE at one place at a time like they are doing to Wollega right now
let us explore this options