Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe.Mootummaan Wayyaanee Raafamte.

Amajjii 25,2012 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee diddaa barattooti Oromoo Amajjii 22 fi 23,2012 University Finfinnee keessatti eegalan dhukkaamsuuf jecha humana waraanaa fi tikaa heddumminaan mooraa san galchuun hanga ammaatti jeequu fi sodaachisaa akka jiru beekama. Kanas tahu diddaan barattootaa hin dhaabanne,hanga qabsoon mirga hiree murteeffannaa bakkaan gahutti sochiin dargaggootaa fi ummata Oromoo akka hin dhaabbanne qeerroon beeksisa.

Barattootni mana barumsaa Gudar sadarkaa lammaffaa fi Barattootni Koollejjii Qonnaa baakkoo diddaa itti fufuun mana barnoota isaanii cufanii jiru.Mootummaan wayyaanee barattoota dirqiin mana barumsaatti deebisuuf yaalii jabaa gochuu irratti argamtus hin milkoofne.Magaalli Finfinnee fi uummatni sodaa mootummaa wayyaanee irraa kan ka’e baay’ina waraana mootummaa bobba’een tasgabbii dhabdee jirti.Yaa’ii jiru irratti uummatni na qaanessa jechuun wayyaaneen sodaa guddaa keessa galtee jirti.Keellaawwan Hararii fi Finfinnee gidduutti argaman kanneen akka keellaa Awaash,Qaallittii irratti uummatni naannoodhaa naannootti bobba’u sakatta’a cimaan rakkachaa jira.Meeshaan uummataas naannoo kanatti haalaan saamamaa jira.

Gama biroon Sodaa Warraaqsi uummataa bilisummaa isaa kabajsiisuuf deemu irraa kan ka’e yuunivarsiitiileetti mootummaan tika ramaduunii fi walgahii gaggeessan irratti walitti qabsaa’uu jalqabuu iccitiin tika mootummaa Wayyaanee keessaa ba’e ifa goldhe.Tikni mootummaa kanaa wal gahii gaggeesseen hanga warraaqsi ka’utti ati eessa turte? atihoo? jechuun wal wal irratti qabsaa’uu jalqaban.Haaluma wal fakkaatuun Hooggantootni Poolisii federaalaa Amajjii 24,2012 wal gahii magaala Finfinnee Mexicotti godhaniin federaalaota naannoo naannootti hidhannoo guutuun bobbaasuuf murteessanii jiru.Ibidda warraaqsaa

qabate humnaan dhaamsuuf baajata biyyattii dhimma waraanaa fi bulchinsaaf oolchuun uummata biyyattii hiyyummaa bara baraa keessatti hambisuuf mootummaan kun waan deemtuuf uummatni hunduu irratti dammaquun tumsa warraaqsaa akka godhu dhaammanna!

Qabsoo itti fufna! Gabrummaan ni kuffifna!

1 thought on “Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe.Mootummaan Wayyaanee Raafamte.

  1. akkas malaee qeerroo koo wayaneen kana caalaatti raafama
    oromoon silaas “YEROO BARIIYUU GAHU GUDDAA DUKKANAÁ
    jedha mitii ree”
    nagatti
    GOOLEE

Leave a comment