(Qeerroo Magaalaa Gudar,Amajjii 23,2012) Amajjii 23/2012 Godinaa Lixaa Shawaa Maagaalaa Gudaar Mana Barumsaa Gudaar Sadarka 2ffaatti Gootonnii baratoota Oromoo FDG eegalan itti fufan.
Biyyaa Abbaa keenyaa irraatti Ajjeefamuun barnootaa irraa Arii’atamuun,mana hidhaattii darbatamuun,qotee bulaa keenyaa, maqaa investimentiin lafaa irraa buqisuun nurraa haa dhaabbatuu,humni waraanaa nuti bobbaafamee jiru nurraa haa ka’uu nuti waraanaan hin bullu jechuun sagalee diddaa dhaageesisaa jiru.
Haala kana tasgabeesuuf lukkeeleen wayyaanee poliisota baratootatti bobbaaste kan jirtu yoo ta’e illee, gootonni baratootaa Oromoo poliisotaa dhagaan tumaanii of irrraa deebisaanii akka jiran maddi Qeerroo gabaasee jira.
Yeroo ammaa kana immoo fincilicha ukkaamsuuf humna dafee qaqqabaa kan jettuu komaandoo garaa sanattii guuraa kan jirtu ta’uun gabaasamee jira.
“Yaa uummaata Oromoo iyyaa iyyaa dabarsaa!; teessanii wal irraatti hin dhiisinaa!” dhaamsi jedhus qeerroodhaan darbaa kan jiru yoo ta’u, ummatisn ijoollee keenya nu jalaa ajjeessuun haa raawwatu jechaa akka jiru magaalaa Gudar irraa gabaasaan Qeerroo hubachiisee jira.
“Oromoo! Didi; Garbummaa!!”
